+ -

عَنْ ‌أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ افْتَقَدَ ثَابِتَ بْنَ قَيْسٍ، فَقَالَ رَجُلٌ: يَا رَسُولَ اللهِ، أَنَا أَعْلَمُ لَكَ عِلْمَهُ، فَأَتَاهُ فَوَجَدَهُ جَالِسًا فِي بَيْتِهِ، مُنَكِّسًا رَأْسَهُ، فَقَالَ: مَا شَأْنُكَ؟ فَقَالَ شَرٌّ، كَانَ يَرْفَعُ صَوْتَهُ فَوْقَ صَوْتِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَدْ حَبِطَ عَمَلُهُ، وَهُوَ مِنْ أَهْلِ النَّارِ، فَأَتَى الرَّجُلُ فَأَخْبَرَهُ أَنَّهُ قَالَ كَذَا وَكَذَا، فَرَجَعَ الْمَرَّةَ الْآخِرَةَ بِبِشَارَةٍ عَظِيمَةٍ، فَقَالَ: «اذْهَبْ إِلَيْهِ فَقُلْ لَهُ: إِنَّكَ لَسْتَ مِنْ أَهْلِ النَّارِ، وَلَكِنْ مِنْ أَهْلِ الْجَنَّةِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3613]
المزيــد ...

Anas bin Maalik irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu:
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- Saabit bin Qeys ni dhabanii, namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii ani bakka inni jiru nan beeka, gara isaas dhufee mana isaa keessa mataa isaa gadi qabatee kan taa'u argee akkana jedheen: Maaltu si mudate? innis ni jedhe: Hamtuudha, sababni isaas isaatu -of baanee- sagalee isaa kan Rasuulaa irra kan ol kaasu waan ta'eef jecha, kanaafuu hojiin isaa jalaa badee jira waan ta'eef inni warra ibiddaa irraayi. Eegasii namichi dhufee inni akkanaa fi akkas akka jedhe isaanitti hime.Yeroo itti aanutti oduu gammachiisaa qabatee deebi'e, akkas jedhaniin: "Gara isaa deebi'ii akkana jedhiin: "Ati warra ibiddaa irraayii miti, garuu ati warra jannataa irraayi".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3613]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- Saabit bin Qeysii -Rabbiin irraa haa jaalatu- dhabanii, waa'ee isaa gaafatanii jennaan, namichi tokko akkana jedhe: oduu isaa anaatu isiniif qaba, maalif akka badees, gara isaas deemee kan gaddee, mataa isaa gadi qabatee mana isaa keessa kan taa'u argee, akkana jedhe isa gaafate: maal taate? Saabitis hamtuu irraa waan isatti jiru itti hime; Sababni isaas isaatu sagalee isaa sagalee Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- olitti kan ol kaasu waan ta'eef jecha, Rabbiin ammoo nama akkas godhe hojiin isaa akka jalaa badu dhugumatti dubbateera, inni warra ibiddaa irraayi!
Namichis gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- deebi'ee waa'ee isaa itti hime, Nabiyyichis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gara Saabititti deebi'ee inni warra ibiddaa irraa osoo hin taane warra jannataa irraayi jechuun akka isa gammachiisu ajajani, sababni isaas sagaleen isaa uumamatti ol ka'aa waan ta'ee jecha, akkasumas inni khaxiiba Rasuula Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fi khaxiiba warra Ansaaraa waan ta'eef jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa Saabit bin Qeysii fi inni warra jannataa irraa akka ta'e ibsuudha Rabbiin irraa haa jaallatu.
  2. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sahaabota isaanii kan itti yaadda'anii fi kan tottoo'atan ta'uudha.
  3. Hojiileen isaanii jalaa baduu irraa Sodaa Sahaabonni qabaniidha, Rabbiin isaan irraa haa jaallatu.
  4. Bara jireenya isaanii keessatti haasaa Nabiyiii -nagaa fi rahmanni waaliin taasisan keessatti naamusa qabaachuun dirqama ta'uudha, eega isaan du'anii ammoo yeroo sunnaa isaanii dhaga'an keessatti sagalee gadi qabachuun dirqama akka ta'eedha.