+ -

عَنْ ‌الزُّبَيْرِ بْنِ الْعَوَّامِ قَالَ:
لَمَّا نَزَلَتْ: {ثُمَّ لَتُسْأَلُنَّ يَوْمَئِذٍ عَنِ النَّعِيمِ} [التكاثر: 8]، قَالَ الزُّبَيْرُ: يَا رَسُولَ اللهِ، وَأَيُّ النَّعِيمِ نُسْأَلُ عَنْهُ، وَإِنَّمَا هُمَا الْأَسْوَدَانِ التَّمْرُ وَالْمَاءُ؟ قَالَ: «أَمَا إِنَّهُ سَيَكُونُ».

[حسن] - [رواه الترمذي وابن ماجه] - [سنن الترمذي: 3356]
المزيــد ...

Azzubeyr bin Al-awwaam irraa odeeffamee akkana jedhe:
Yeroo Aayaan tun buute: {Ergasii wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan} [Attakaasur: 8] Azzubeyr akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii qananii kam irraa gaafatamna, gurraacha lamaan , timiraa fi bishaan qofaa? isaanis ni jedhan: "Inni ni ta'a".

[hasani] - [tirmizii odeesse - ibnumaajah odeesse] - [sunana tarmizii - 3356]

Ibsaa

Yeroo Aayaan tun buute: {Eegasii isin wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan} jechuunis: Isin qananiiwwan irraa waan Rabbiin isiniif kenne galateeffachuu irraa ni gaafatamtan jechuu dha. Azzubeyr bin Al-awwaam Rabbiin irraa haa jaalatuu ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii qananii kam irraa gaafatamna?! isaan lamaan qananii lama kan gaaffii keessa galchanii miti, isaanis timiraa fi bishaani!
Nabiyyinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Isin haaluma irra jirtan kanaan waliin qananii irraa gaafatamuuf teessan, isaan lamaan kunis qananii gurguddaa lama kan qananiiwwan Rabbii ol ta’ee irraa ta'aniidha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qananii Rabbiin namaa kenne galateeffachuu irratti jajjabeessuudha.
  2. Qananiin guddas ta'ee xiqqaa waan gabrichi guyyaa qiyaamaa irraa gaafatamuu taa'uudha.