+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنْ رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لاَ تَقُومُ السَّاعَةُ حَتَّى تُقَاتِلُوا اليَهُودَ، حَتَّى يَقُولَ الحَجَرُ وَرَاءَهُ اليَهُودِيُّ: يَا مُسْلِمُ، هَذَا يَهُودِيٌّ وَرَائِي فَاقْتُلْهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2926]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Yahuudaa woliin wol loltanii hanga dhagaan booda isaa yahuudaan jiru: yaa muslima kun booda koo kan jiru yahuudaadha isa ajjeesi jedhutti qiyaamaan hin dhaabbatu".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2926]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga muslimoonnii fi yahuudaan wol lolanitti qiyaamaan akka hin dhaabbanne himani, Yoo yahuudichi muslima irraa dhokachuuf jecha dhagaa jalatti dheesse illee; Rabbiin dhagaa dubbachiisee muslima waamaa: booda isaa yahuudaatu jira jechuun, akka muslimni isa ajjeesuuf dhufuuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii waan fagoo fi fuulduratti dhufu himuun isaanii akkaataa Rabbiin isaan beeksiseeni, argamuun isaas hafiinsa waan hin qabneedha.
  2. Aakhiruzzamaanitti muslimoonni akka yahuudaan lolanii fi sun mallattoolee qiyaamaa irraa ta'uu ibsuudha.
  3. Amantaan islaamaa hanga guyyaa qiyaamaatti kan turu ta'uu fi amantaalee hunda irraa ifa galee kan jiraatuudha.
  4. Tumsa Rabbiin muslimootaaf diina isaanii irratti taasisuufiidha, sana irraa aakhiruzzamaanitti dhagaan akka dubbatu taasisuudha.