+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ: أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لاَ تَقُومُ السَّاعَةُ حَتَّى تَطْلُعَ الشَّمْسُ مِنْ مَغْرِبِهَا، فَإِذَا طَلَعَتْ فَرَآهَا النَّاسُ آمَنُوا أَجْمَعُونَ، فَذَلِكَ حِينَ: {لاَ يَنْفَعُ نَفْسًا إِيمَانُهَا لَمْ تَكُنْ آمَنَتْ مِنْ قَبْلُ، أَوْ كَسَبَتْ فِي إِيمَانِهَا خَيْرًا} [الأنعام: 158] وَلَتَقُومَنَّ السَّاعَةُ وَقَدْ نَشَرَ الرَّجُلاَنِ ثَوْبَهُمَا بَيْنَهُمَا فَلاَ يَتَبَايَعَانِهِ، وَلاَ يَطْوِيَانِهِ، وَلَتَقُومَنَّ السَّاعَةُ وَقَدِ انْصَرَفَ الرَّجُلُ بِلَبَنِ لِقْحَتِهِ فَلاَ يَطْعَمُهُ، وَلَتَقُومَنَّ السَّاعَةُ وَهُوَ يَلِيطُ حَوْضَهُ فَلاَ يَسْقِي فِيهِ، وَلَتَقُومَنَّ السَّاعَةُ وَقَدْ رَفَعَ أَحَدُكُمْ أُكْلَتَهُ إِلَى فِيهِ فَلاَ يَطْعَمُهَا».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6506]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu, sun yeroo (Rabbiin akka qur'aana isaa keessatti jedhetti): {lubbuu sana dura hin amanin, yookaan iimaana isii keessatti toltuu hin hojjatin tokko iimaanni isii homaa isii hin fayyanneedha} [Al-an'aam: 158] dhugumatti namoonni lama huccuu isaanii gidduu isaaniitti gurgurtaaf jecha diriirsanii osoo isaan wal irraa hin bitinii fi osoo isaan hin maratin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namichi aannan dhuguuf jecha gaala isaa elmatee osoo inni hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namni tokko naanniga isaa sirreeffatee ka'ee osoo inni irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti tokkoon keessan nyaata isaa afaan isaatti ol fudhatee ka'ee osoo inni isa hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6506]

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoolee qiyaamaa guddoo keessaa aduun karaa bahaa dhiiftee karaa dhihaatiin bahuu akka ta'ee fi namoonni yeroo isii arganitti hundi isaanii akka amanu himani, Yeroo sanatti kaafira iimaanni isaa isa hin fayyadu, akkasumas hojiin gaarii fi tawbaanilleen isa hin fayyadu. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qiyaamaan akka tasa dhuftuu fi namoonni haalotaa fi dhimmoota isaanii irra jiranuu akka dhaabbattu himani; Kan gurguruu fi kan bitu huccuu isaanii gidduu isaaniitti diriirsanii oso walitti hin gurgurinii fi osoo hin dachaafatin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi haala aannan gaala isaa tan elmamtu qabatee osoo inni isa hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi naanniga isaa dhoqqeen tolfatee osoo isa irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi haala gurshaa isaa nyaachuuf jecha gara afaan isaatti ol fudhateen osoo inni isii hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hanga aduun karaa dhiha isiitiin hin baanetti Islaamummaanii fi tawbaan qeebalamaa ta'uudha.
  2. Iimaanaa fi hojii gaariin qiyaamaadhaaf qophaa'uutti kakaasuudha; qiyaamaan akka tasaatti waan dhuftuuf jecha.