+ -

عَنِ البَرَاءِ بْنِ عَازِبٍ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«المُسْلِمُ إِذَا سُئِلَ فِي القَبْرِ: يَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ»، فَذَلِكَ قَوْلُهُ: {يُثَبِّتُ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا بِالقَوْلِ الثَّابِتِ فِي الحَيَاةِ الدُّنْيَا وَفِي الآخِرَةِ} [إبراهيم: 27].

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 4699]
المزيــد ...

Al-Baraa bin Aazib irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhaammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a», Kun jecha Rabbiiti: {Rabbiin warra amanan jecha jabaadhaan jireenya duuniyaa fi aakhiraa keessatti raggaasisa} [suuraa Ibraahim: 27].

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 4699]

Ibsaa

Mu’uminni qabrii keessatti ni gaafatama, Malaaykonni lamaan akkas gochuuf ramadaman, isaan lamaan immoo akkuma Hadiisa hedduu keessatti dhufetti Munkarii fi Nakiiri, isa ni gaafatani, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhaammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa baha. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Kuni jecha ragga'aa ta'e kan Rabbiin isa ilaalchisee akkana jedhe sani: {Rabbiin warra amanan jecha jabaadhaan jireenya duuniyaa fi aakhiraa keessatti raggaasisa} [suuraa Ibraahim: 27].

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gaaffiin qabrii haqa akka ta'eedha.
  2. Tolli Rabbiin gabroota Isaa mu'umintootaf duuniyaa fi aakhiratti oole guddaa ta'uudha, sunis jecha ragga'aa ta'e irratti isaan raggaasisuuni.
  3. Sadarkaa Ragaa bahuu tokkichummaa Rabbii fi isa irratti du'uun qabuudha.
  4. Duuniyaa keessatti amantii irratti ragga'uu fi karaa qajeelaa qabachuun, bakka du'atti towhiida irratti du'uu fi qabrii keessatti bakka gaaffii malaa'ikaa lamaaniitti ragga'uun Rabbiin mu'umina akka raggaasiseedha.