+ -

عَنِ ابْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«أُمِرْتُ أَنْ أُقَاتِلَ النَّاسَ حَتَّى يَشْهَدُوا أَنْ لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَيُقِيمُوا الصَّلاَةَ، وَيُؤْتُوا الزَّكَاةَ، فَإِذَا فَعَلُوا ذَلِكَ عَصَمُوا مِنِّي دِمَاءَهُمْ وَأَمْوَالَهُمْ إِلَّا بِحَقِّ الإِسْلاَمِ، وَحِسَابُهُمْ عَلَى اللَّهِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 25]
المزيــد ...

Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan:
"Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera, yoo san hojjatan haqa islaamummaatiin malee dhiiga isaanitii fi qabeenya isaanii narraa tikfatan, herregni keessa isaanii Rabbiin bira jira".

[sirrii] - [karaa odeeffame hundaan ittiwaliigalamaadha] - [Sahiiha bukhaarii - 25]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- mushrikootan lolutti Rabbiin akka isaan ajaje himan, hanga isaan Rabbii tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan hin jiruu fi Muhammadiif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ergaan ragaa bahanii, halkanii fi guyyaa keessatti salaata shanan irratti eeggachuu fi zakaa dirqamaa warra isii haqa godhataniif kennuu irraa waan ragaan kun barbaadu irratti hanga hojjatanitti. Wantoota kanneen yoo raawwatan Islaamummaan dhiiga isaanii fi qabeenya isaanii ni tiksa; kanaafuu isaan ajjeesuun hin hayyamumu, yoo yakka ykn badii cimaa akka seera islaamummaatti isa irratti ajjeefamuu haqa godhatan raawwatan malee, eegasii guyyaa qiyaamaatti Rabbii ol ta'e kan iccitii isaanii beekuutu isaanii qorata.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Murtiiwwan namaa kan ilaallatu mul’ata alaa qofa yoo ta’u, iccitiiwwan Rabbii tokkicha qofaatu beekaadha.
  2. Barbaachisummaa gara towhiidatti waamuun qabuu fi towhiidni waamicha keessatti dura waan isaan jalqabamuu qabuudha.
  3. Hadiisni kun mushrikoonni dirqiin Islaamummaa keessa akka seenan taasisa jechuu osoo hin taane, inumaayyuu gidduu islaamummaa keessa seenuu ykn gibira kaffaluutti isaan filannoo akka qaban agarsiisa, yoo waamicha islaamaa dhoorguu malee didan, akka seera islaamummaatti isaanin loluu malee falli biraa hin jiru.