عَنْ ابْنِ عَبَّاسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إنَّ اللَّهَ تَجَاوَزَ لِي عَنْ أُمَّتِي الخَطَأَ وَالنِّسْيَانَ وَمَا اسْتُكْرِهُوا عَلَيْهِ».
[قال النووي: حديث حسن] - [رواه ابن ماجه والبيهقي وغيرهما] - [الأربعون النووية: 39]
المزيــد ...
Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lameenuu irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin ummata kiyyaaf dogoggora irraanfii fi waan irratti dirqisiifaman irra naa dabreefii jira».
[قال النووي: حديث حسن] - [رواه ابن ماجه والبيهقي وغيرهما] - [الأربعون النووية - 39]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala sadii keessatti, Rabbiin akka ummata isaaniitiif dhiifma godheef himu: Inni jalqabaa: dogongora, innis osoo hin beekin waan isaan irraa argameedha, innis muslmni tokko hojii isaatiin waan tokko niyyatee, garuu hojiin isaa waan inni yaadeen alatti kan biraa ta'uudha. Lammaffaan: irraanfiidha, innis muslimni tokko waan tokko yaadataa turee, yeroo hojjatamutti immoo isa irraanfachuudha, kana keessattis badiin hin jiru. Sadaffaan: Dirqisiifamuudha, dirqisiisa san of irraa deebisuu irraatti dandeetti dhabuu waliin, gabrichi waan hin feene hojjachuu irratti dirqisiifamuutu mala, yeroosan badii fii komiiin isatti hin argamu. Hadiisni kan inni irraa dubbatu, wantoota dhoorgaman hojjachuu keessatti, waan gabrichaa fi Rabbii isaa gidduutti ta'u keessatti akka ta'e hubachuutu barbaachisa, wantoonni itti ajajaman immoo irraanfatanii dhiisuudhaan namarraa hin bu'u, garuu waan dhoorgamaa dirqisiifamee hojjate sanaan, nama irratti daangaa darbuun yoo jiraate immoo, haqni uumamaa hin kufu, akkuma yoo dogongoraan ajjeeseetti, gumaatu isarra jira yookaan dogongoraan konkolaataa isaa kan balleesse yoo ta'e, kaffaluu qaba.