عَنِ النُّعْمَانِ بْنِ بَشِيرٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِنَّ أَهْوَنَ أَهْلِ النَّارِ عَذَابًا مَنْ لَهُ نَعْلَانِ وَشِرَاكَانِ مِنْ نَارٍ، يَغْلِي مِنْهُمَا دِمَاغُهُ كَمَا يَغْلِ الْمِرْجَلُ، مَا يَرَى أَنَّ أَحَدًا أَشَدُّ مِنْهُ عَذَابًا، وَإِنَّهُ لَأَهْوَنُهُمْ عَذَابًا».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 213]
المزيــد ...
Al-Nu'umaan bin Bashiir irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Adabbii keessatti irra gadi aanaan warra ibiddaa nama kopheen lamaa fi funyoon kophee lama ibidda irraa isaaf ta'ee, Sababaa isaaniitiin sammuun isaa akka okkoteen danfutti kan danfuudha, kan isa caalaa adabamu jira jedhee hin yaadu, garuu inni adabbii keessatti irra gadi aanaa isaaniti».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 213]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jechuudha himan: Guyyaa qiyaamaa adabbii keessatti irra gadi aanan warra ibiddaa nama kophee fi funyoon kophee lama isaaf ta'ee, sababaa ho'a isaanitiin sammuun isaa akka okkoteen(qodaan) sibiilaa danfutti kan danfuudha, inni sababaa kanaan namni tokko isa caalaa kan adbamaa jir hin jiru jedhee yaada, garuu inni adabbii keessatti irra laafaa isaaniti, Kunis dararaan qaamaa fi xiinsammuu akka isatti walitta qabamuuf jecha.