عَنْ صَفْوَانَ بْنِ مُحْرِزٍ قَالَ: قَالَ رَجُلٌ لِابْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما كَيْفَ سَمِعْتَ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، يَقُولُ: فِي النَّجْوَى؟ قَالَ: سَمِعْتُهُ يَقُولُ:
«يُدْنَى الْمُؤْمِنُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ مِنْ رَبِّهِ عَزَّ وَجَلَّ، حَتَّى يَضَعَ عَلَيْهِ كَنَفَهُ، فَيُقَرِّرُهُ بِذُنُوبِهِ، فَيَقُولُ: هَلْ تَعْرِفُ؟ فَيَقُولُ: أَيْ رَبِّ أَعْرِفُ، قَالَ: فَإِنِّي قَدْ سَتَرْتُهَا عَلَيْكَ فِي الدُّنْيَا، وَإِنِّي أَغْفِرُهَا لَكَ الْيَوْمَ، فَيُعْطَى صَحِيفَةَ حَسَنَاتِهِ، وَأَمَّا الْكُفَّارُ وَالْمُنَافِقُونَ، فَيُنَادَى بِهِمْ عَلَى رؤُوسِ الْخَلَائِقِ هَؤُلَاءِ الَّذِينَ كَذَبُوا عَلَى اللهِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 2768]
المزيــد ...

Safwaan bin Muhriz irraa akka odeeffametti akkana jedhe: Namni tokko Ibnu Umariin -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- akkas jedhe: " Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa'ee maqoo maal kan jedhan dhageesse? innis ni jedhe: akkana kan jedhuun dhaga'e:
«Guyyaa Qiyaamaa, mu’uminni Rabbii isatti ni dhiheeffama, hanga Rabbiin ol ta'e girdoo isaa irra kaa'ee, badii isaa ofiif akka ofirratti raggaasisu isa taasisa, akkas jedhaan: kana beektaa? eeyyen Rabbii koo nan beeka, Rabbiinis akkana jedha: Addunyaa keessatti isa siif dhoksee jira, har'a ammoo ani isa siif dhiisa, sana Galmeen hojii gaarii isaa ni kennamaaf, kaafiroota fi munaafiqoonni ammoo, mataa uumama hundaa irratti, “warra Rabbi irratti soban” jechuun ni waamamu».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 2768]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee maqoo Rabbiin guyyaa qiyaamaa gabricha isaa mu'umina wajjiin taasisu akkana jwdhanii himan:
Guyyaa Qiyaamaa mu’uminni Rabbii isaatti ni dhiheeffama, Rabbiin satrii isaa isa irra kaa'a, akka namni biraa iccitii isaa hin agarreef jecha, akkas jedhaan:
Dilii akkanaa kan akkasii ni beektaa? Badii gabrichaa fi Rabbii isaa gidduutti raawwatame akka mirkaneessu isa taasisa.
Innis akkana jedha: Eeyyee yaa Rabbii koo.
hanga muu’uminni sun rifatee sodaatutti, ergasii Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: Addunyaa keessatti siif dhoksee jira, har'a ammoo ani isa siif araarama, sana booda galmeen hojii gaarii isaa ni kennamaaf.
Kaafiraa fi munaafiqa ilaalchisee immoo matoolee warra ragaa ba'anii irratti akkana jedhamee waamama: isaannan kun warra Rabbii isaanii irratti sobaniidha, dhaga'aa! abaarsi Rabbii warra miidhaa raawwatan irratti haa ta'u.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rabbiin mu'umintootaf Addunyaa fi aakhiratti badii isaanii dhoksuun tolaa fi rahmanni bal'aa ta'uu agarsiisa.
  2. Hanga danda’ametti mu'uminaaf badii isaa dhoksuu irratti kakaasuudha.
  3. Hojiilee gabrootaa hundi Rabbiin gabrootaa lakkaa’ee kaa'a, waan ta’eef namni waan gaarii argate Rabbiin haa galateeffatu, namni waan biraa argate immoo of malee nama biraa hin komatin, inni fedha Rabbii jala jira.
  4. Ibnu Hajar akkana jedhe: walumaa galatti hadiisonni guyyaa qiyaamaa warri mu’umintoota irraa badii raawwatan bakka lamatti akka qoodaman argisiisan: tokkoffaan isaanii: nama badiin isaa isaa fi Rabbiin gidduutti ta'e, hadiisni ibnu umar qoodni bakka lamatti akka qoodamu agarsiisa: qoodni tokko nama badiin isaa addunyaa irratti dhokafameefiidha, kuni isa Rabbiin guyyaa qiyaamaa dhoksuufiidha, inni ibsameera, qoodni biraa ammoo nama diliin isaa ifatti bahe, kun akka hadiisicha irraa hubatamutti faallaa sanaati. Qoodni lammaffaa ammoo nama diliin isaa isaa fi gabroota gidduutti ta'e, kunis qooda lama qaba: qoodni tokkoffaa badiin isaan dalagan toltuu isaan dalaganirra kan caaltuudha, isaan ibidda seenanii eegasii magantaan irraa bahan. Qoodni lammaffaa ammoo toltuu fi diliin isaanii wal qixxoofte, isaan kun gidduu isaanitti walirraa kaffalachuun hanga taasifamutti jannata hin seenan.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (46)