+ -

عَن أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«يُسَلِّمُ الرَّاكِبُ عَلَى المَاشِي، وَالمَاشِي عَلَى القَاعِدِ، وَالقَلِيلُ عَلَى الكَثِيرِ». وَلِلبُخَارِي: «يُسَلِّمُ الصَّغِيرُ عَلَى الكَبِيرِ، وَالمَارُّ عَلَى القَاعِدِ، وَالقَلِيلُ عَلَى الكَثِيرِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6232]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. ​
"Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6232]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatuu- namoota gidduutti naamusa salaamataa waliin jechuu irratti qajeelfama kennan "Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh", Ijoolleen nama guddaan salaamataa jechuudha qaba, namni yaabbate immoo nama miilan deemu irratti salaammachuudha qaba, namni miilan deemu nama taa'aa jiru irratti salaammachuudha qaba, namoonni lakkoofsi isaanii xiqqaa ta'ees namoota lakkoofsi isaanii hedduu ta'e irratti salaammachuudha qaba.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Akkaataa hadiisicha keessatti dhufetti salaamataa waliin jechuun jaallatamaa ta'uudha, miilan namni deemu nama yaabbateen salaamataa yoo jedhe, akkasumas akkaataa hadiisicha keessatti dubbate irraa faallaatti salaamataa waliin jechuun yoo argame ni danda'ama, garuu inni caalaa fi filatamaa miti.
  2. Akkaataa hadiisicha keessatti tuqameen salaamataa facaasuun wantoota wal jaallachuu fi walitta dhiheenyaf sababaa ta'an irraayi.
  3. Wantoota dubbatan keessatti yoo wal qixa ta'an, irra caalan isaanii nama salaamataan dura eegaleedha.
  4. Wantoota namoonni barbaadan hunda keessatti shari'aan islaamaa guutuu ta'uudha.
  5. Naamusa salaamataa waliin jechuu barsiisuu fi abbaa haqaa hundaaf haqa isaa kennuudha.