+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«يَقْبِضُ اللَّهُ الأَرْضَ، وَيَطْوِي السَّمَوَاتِ بِيَمِينِهِ، ثُمَّ يَقُولُ: أَنَا المَلِكُ، أَيْنَ مُلُوكُ الأَرْضِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 4812]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhagaye:
"Rabbiin lafa qabee, harka mirga Isaatiin samii walitti maree, eegasii akkana jedha: Ani mooticha, mootonni lafaa eessa jiru?”

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 4812]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Guyyaa Qiyaamatti Rabbiin ol ta'e akka dachii walitti qabee, samii harka mirgaa Isaatiin walitti dachaasee, garii ishee garii irratti maree, akkasumas isheen deemee ishee xumuree, eegasii akkana akka jedhu himan: Ani mootiidha, Mootonni addunyaa eessa jiru?!

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Mootummaan Rabbii hafaa akka ta'ee fi mootummaan namoota biroo immoo deemaa akka ta'e yaadachiisuudha.
  2. Guddina Rabbiiti fi guddina dandeettii Isaati, akkasumas guddina aangoo Isaati fi guutummina mootummaa Isaati.