+ -

عَنْ أَبِي بَرْزَةَ الأَسْلَمِيِّ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لَا تَزُولُ قَدَمَا عَبْدٍ يَوْمَ القِيَامَةِ حَتَّى يُسْأَلَ عَنْ عُمُرِهِ فِيمَا أَفْنَاهُ، وَعَنْ عِلْمِهِ فِيمَ فَعَلَ، وَعَنْ مَالِهِ مِنْ أَيْنَ اكْتَسَبَهُ وَفِيمَ أَنْفَقَهُ، وَعَنْ جِسْمِهِ فِيمَ أَبْلَاهُ».

[صحيح] - [رواه الترمذي] - [سنن الترمذي: 2417]
المزيــد ...

Abuu Barzaa al-aslamii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan.
"Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti".

[sirrii] - [tirmizii odeesse] - [sunana tarmizii - 2417]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namoota irraa namni tokkolleen hanga wantoota kenneen irraa gaafatamutti guyyaa qiyaamatti eddoo herregaa bira gara jannataa ykn ibiddaa akka hin dabarre himan:
Tokkoffaan: Jiruu isaa maal keessatti akka isii fixeedha?
Lammaffaan: Beekumsa isaa Rabbiif jecha bartee? itti hoo dalagee? nama maluuf hoo isa dabarseedha?
Sadaffaan: Qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fide halaala moo haraama irraayii? maal keessatti baasii akka isa godhe waan Rabbiin jaallachiisu moo ykn waan Isa dallansiisu keessattii?
Afraffaan: Qaama isaa, humna isaa, fayyaa isaati fi dargaggummaa isaa maal keessatti dabarseedha?

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Jiruu ofii waan Rabbiin jaallachiisu keessatti fayyadamuu irratti kakaasuudha.
  2. Qananiiwwan Rabbiin ol ta'e gabrootaaf godhe hedduudha, nama hundaayyuu qananii kana irraa gaafachuuf taa'a, kanaafuu qananiiwwan Rabbii waan Isa jaallachiisu keessa kaayuudha qabaadha.