1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الخُدْرِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«يُؤْتَى بِالْمَوْتِ كَهَيْئَةِ كَبْشٍ أَمْلَحَ، فَيُنَادِي مُنَادٍ: يَا أَهْلَ الجَنَّةِ، فَيَشْرَئِبُّونَ وَيَنْظُرُونَ، فَيَقُولُ: هَلْ تَعْرِفُونَ هَذَا؟ فَيَقُولُونَ: نَعَمْ، هَذَا المَوْتُ، وَكُلُّهُمْ قَدْ رَآهُ، ثُمَّ يُنَادِي: يَا أَهْلَ النَّارِ، فَيَشْرَئِبُّونَ وَيَنْظُرُونَ، فَيَقُولُ: وهَلْ تَعْرِفُونَ هَذَا؟ فَيَقُولُونَ: نَعَمْ، هَذَا المَوْتُ، وَكُلُّهُمْ قَدْ رَآهُ، فَيُذْبَحُ ثُمَّ يَقُولُ: يَا أَهْلَ الجَنَّةِ خُلُودٌ فَلاَ مَوْتَ، وَيَا أَهْلَ النَّارِ خُلُودٌ فَلاَ مَوْتَ، ثُمَّ قَرَأَ: {وَأَنْذِرْهُمْ يَوْمَ الحَسْرَةِ إِذْ قُضِيَ الأَمْرُ وَهُمْ فِي غَفْلَةٍ} [مريم: 39]، وَهَؤُلاَءِ فِي غَفْلَةٍ أَهْلُ الدُّنْيَا {وَهُمْ لاَ يُؤْمِنُونَ} [مريم: 39]».

Abuu Sa'iid al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama, waamaan tokko: yaa warra jannataa, jedhee waama, isaanis hiixatanii ilaalu, kana beektuu? jedhaan, isaanis eeyyeen, kun du'a jedhuun, hundi isaaniituu dhugaan isa arganiiru, eegasii yaa warra ibiddaa jechuun waama, isaanis hiixatanii ilaalu, kana beektuu? jedhaan, isaanis ni jedhu: eeyyeen, kun du'a, hundi isaaniituu dhugumaan isa arganiiru, innis(duutis) ni gorra'ama eegasii ni jedha, yaa warra jannataa yeroo hunda jiraachuudha duuti hin jiru, yaa warra ibiddaa yeroo hunda jiraachuudha duuti hin jiru, eegasii aayaa tana ni qara'an: {Haala isaan daguu keessatti ta'aniin osoo isaan hin amanin yeroo dhimmichi murtaa'u, guyyaa gaabbii san isaan sodaachisi} [suuraa maryam: 39], isaan kun daguu worra duuniyaa keessa jiru {isaan hin amananu} [suuraa maryam: 39]".

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 4730

Ibsa

nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- duuti guyyaa qiyaamaa hoolaa korbeessa adii fi gurraachi isa keessa jiru fakkeeffamee akka dhufu ibsani eegasii ni waamama: yaa warra jannataa! mormawwanii fi gateettiwwa isaanii dheeressanii mataawwan isaanii ol fuudhaniii ilaalu, kana beektuu? isaaniin jedhama: isaanis ee kun du'a jedhu, hundi isaaniituu dhugaan isa arganii isa baraniiru, eegasii ammas waamaan tokko yaa warra ibiddaa jedhee waama: mormawwan isaanii fi gateettiwwan isaanii dheeressanii mataawwan isaani ol fuudhanii ilaalu, kana beektuu? jedha: ee kun du'a jedhu, hundi isaaniituu dhugaan isa arganiiru; ni gorra'ama, eegasii waamaan ni jedha: yaa warra jannataa yeroo hundaa jiraachuudha duuti hin jiru, yaa warra ibidaa yeroo hundaa jiraachuudha duuti hin jiru. sun mu'umintootaaf qananii keessa jiran irratti qananii dabalata akka ta'uu fi kaafirtootaaf immoo adabbii keessa jiran irratti adabbii dabalataa akka isaaniif ta'uufi eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni qara'ani: {Haala isaan daguu keessatti ta'aniin osoo isaan hin amanin yeroo dhimmichi murtaa'u, guyyaa gaabbii san isaan sodaachisi} guyyaa qiyaamaa warra jannataa fi ibiddaa gidduu adda baafama, hunduu gara waan isatti deebibifamee haala yeroo hunda isa keessa jiraataa ta'een seena, kan balleesse waan hin tolchiniif, kan gabaabbate toltuu waan hin dabalanneef ni gaabba.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. deebiin ilma namaa aakhiraatti jannata keessa yeroo hunda jiraachuu yookaan ibidda keessa yeroo hunda jiraachuudha.
  2. ulfaatina guyyaa qiyaamaa irraa haalaan sodaachisuu fi inni guyyaa gaabbii ta'uu isaa.
  3. gammachuun warra jannataa walitti dhaabbataa ta'uu fi gaddi warra ibiddaa walitti dhaabbataa ta'uu ibsuudha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

68 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
FF Fulfulde الفولانية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
EL Ελληνικά اليونانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
LN Lingala اللينجالا
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو