عن أنس بن مالك رضي الله عنه:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَانَ لَا يَرُدُّ الطِّيبَ.

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 2582]
المزيــد ...

Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu-:
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan urgaa'u (shittoo) hin deebisanu turani.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 2582]

Ibsaa

kennaa shittoo deebisuu dhiisanii isa qeebaluun karaa nabiyyii irraa ture -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ba'aan isaa salphaa fi urgaan isaa bareedaa waan tureef jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. kennaa shittoo qeebaluun jaallatamaa ta'uu isaa; ba'aa isaa keessatti dadhabbii waan hin qabnee fi fudhannaa isaa keessatti of himannaa waan hin qabneef jecha.
  2. guutummaa fi haalli nabiyyii toluu agarsiisa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- shittoo deebisuu dhabuu keessattii fi kenna nama kennaa isaaniif kennuu qeebaluu keessatti.
  3. shittoo fayyadamuutti kakaasuu.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (63)