+ -

عن ابن عباس رضي الله عنهما قال:
جاءَ رجُلُ إلى النبي صلى الله عليه وسلم فقال: يا رسولَ اللهِ، إن أحدنا يجدُ في نفسِهِ -يُعرِّضُ بالشَّيءِ- لأَن يكونَ حُمَمَةً أحَبُّ إليه من أن يتكلَّم بِهِ، فقال: «اللهُ أكبرُ، اللهُ أكبرُ، الحمدُ لله الذي ردَّ كيدَه إلى الوسوسَةِ».

[صحيح] - [رواه أبو داود والنسائي في الكبرى] - [سنن أبي داود: 5112]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Namtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, tokkoon keenya waan isa dubbachuu irra daaraa ta'uun isa birattti irra jaallatamaa ta'etu lubbuu isaa keessatti itti dhaga'ama -waan afaaniin dubbachuun isatti ulfaatu wohiitti akeekee-, ergamaanis ni jedhan: "Rabbi guddate, Rabbi guddate, faaruun kan Rabbii shira isaa waswasaatti deebiseeti".

[sirrii] - [abuu daawud odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 5112]

Ibsaa

Namtichi tokko gara nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, tokkoon keenya dubbii lubbuu keessa deddeemutu wohiitu lubbuu isaatti dhag'ama garuu isa irraa dubbachuun ulfaataadha, sadarkaa isa dubbachuu irra daaraa ta'uun isa biratti irra jaallatamaa ta'utti, Ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo lama takbiiraa jechuun Rabbiin shira shayxaanaa waswasaa qofatti deebisuu isaatiiif Isa galatoomfatan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Shayxaanni iimaana irraa gara kufriitti mu'uminoota deebisuudhaaf waswasaadhaan akka isaan eeggatu ibsuutu keessa jira.
  2. Shayxaanni warra iimaanaa waliin dadhabaa akka ta'ee fi Waswasaa irratti malee homaa akka hin dandeenye ibsuudha.
  3. Mu'uminni waswasaa shayxaanaa irraa garagaluu fi isii deebisuutu isa irra jira.
  4. Yeroo waan gaarii yookaan dinqisiisu yookaan wantoota sana fakkaatan arganitti takbiiraa jechuun karaa godhamuu isaatu keessa jira.
  5. Muslimni waan isa dhibe hunda beekaa gaafachuu akka qabu karaa godhamuu isaatu keessa jira.