+ -

عَنْ أَبِي ذَرٍّ رضي الله عنه:
أَنَّ نَاسًا مِنْ أَصْحَابِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالُوا لِلنَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: يَا رَسُولَ اللهِ، ذَهَبَ أَهْلُ الدُّثُورِ بِالْأُجُورِ، يُصَلُّونَ كَمَا نُصَلِّي، وَيَصُومُونَ كَمَا نَصُومُ، وَيَتَصَدَّقُونَ بِفُضُولِ أَمْوَالِهِمْ، قَالَ: «أَوَلَيْسَ قَدْ جَعَلَ اللهُ لَكُمْ مَا تَصَّدَّقُونَ؟ إِنَّ بِكُلِّ تَسْبِيحَةٍ صَدَقَةً، وَكُلِّ تَكْبِيرَةٍ صَدَقَةً، وَكُلِّ تَحْمِيدَةٍ صَدَقَةً، وَكُلِّ تَهْلِيلَةٍ صَدَقَةً، وَأَمْرٌ بِالْمَعْرُوفِ صَدَقَةٌ، وَنَهْيٌ عَنْ مُنْكَرٍ صَدَقَةٌ، وَفِي بُضْعِ أَحَدِكُمْ صَدَقَةٌ»، قَالُوا: يَا رَسُولَ اللهِ، أَيَأتِي أَحَدُنَا شَهْوَتَهُ وَيَكُونُ لَهُ فِيهَا أَجْرٌ؟ قَالَ: «أَرَأَيْتُمْ لَوْ وَضَعَهَا فِي حَرَامٍ أَكَانَ عَلَيْهِ فِيهَا وِزْرٌ؟ فَكَذَلِكَ إِذَا وَضَعَهَا فِي الْحَلَالِ كَانَ لَهُ أَجْرٌ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1006]
المزيــد ...

Abuu Zarri irra akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu-:
Sahaaboota nabiyyii irraa -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoonni wohii nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: yaa ergamaa Rabbii, abbootiin qabeenyaa mindaadhaan nu dursanii deemaniiru, akkuma nu salaannutti salaatu, akkuma nu soomnutti soomu, haftee qabeenya isaanii immoo ni sadaqatu, nabiyyiinis akkas jedhani: "sila waan isin sadaqattan Rabbiin isiniif hin goonee? Tasbiihin jedhamu hundi sadaqaadha, takbiiraan jedhamu hundi sadaqaadha, faaruun jedhamu hundi sadaqaadha, Laa Ilaaha Illallaah jechuun hundi sadaqaadha, toltuutti ajajuun sadaqaadha, badii irraa dhoorguunis sadaqaadha, wal qunnamtiin tokkoon keessan haadha manaa isaati waliin godhus sadaqaadha", isaanis ni jedhani: yaa ergamaa Rabbii, tokkoon keenya fedhii isaa baafatee isa keessa mindaan isaaf jiraataa?, isaanis ni jedhani: "mee ilaalaa osoo haraama keessa kaa'ee jiraatee silaa badiitu isa irra jiraataa mitii? akkasuma halaala keessa yeroo kaa'es mindaan isaaf ta'a".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1006]

Ibsaa

Gariin hiyyeessa sahaabotaa haala isaanii, hiyyummaa isaanii fi akkuma obboleewwan isaanii abbootiin qabeenyaa hedduun mindaa argatanitti isaanis qabeenya sadaqatanii mindaa hedduu argachuu dhabuu fi akkuma isaanii toltuu hojjachuu dhabuu isaanii nabiyyiitti komii dhiheessani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abbootiin qabeenyaa immoo akkuma nu salaannutti salaatu, akkuma nu soomnutti soomu, haftee qabeenya isaanii immoo ni sadaqatu nuti immoo hin sadaqannu! Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara sadaqaa isaan danda'aniitti isaan qajeelchanii, akkas jedhani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: Rabbiin waan isin luubbuu keessan irraa saddaqattan isiniif hin goonee?! jecha keessan: (Subhanallaah) jettanuuf mindaa fi sadaqaatu isaniif jira, akkasuma jecha: (Allaahu Akbar) jettanuufis sadaqaatu jira, jecha (Alhamdulillaah) jettanuufis sadaqaatu jira, jecha (Laa Ilaaha Illallaah) jettanuufis sadaqaatu jira, (toltuutti ajajuunis) sadaqadha, (badii irraa dhoorguunis) sadaqaadha, inumaa wal qunnamtii tokkoon keessan haadha manaa isaa waliin godhu keessa sadaaqaatu jiraaf. Raajeffachuun, yaa ergamaa Rabbii, tokkoon keenya fedhii isaa ba'atee isa keessa mindaan isaaf jiraa?! jedhani. isaanis: argitanii zinaa fi waan birootiin osoo haraama keessa kaa'eera ta'ee badiin isa irra hin jiruu? akkasuma halaala keessa yeroo kaa'es mindaatu isaaf ta'a.

bu.aa hadiisa irraa

  1. dorgommii sahaabonni toltuu hojjachuu keessatti qabanuu fi mindaa fi sadarkaa guddaa argachuuf bolola isaan qabanu agarsiisa.
  2. karaan hojii toltuu hedduu ta'uu isaatii fi innis hunda hojii muslimni niyyaa gaarii fi yaada bareedaadhaan hojjatuu akka wolitti qabatu agarsiisa.
  3. laafummaa islaamaa fi salphaa ta'uu isaa, hundi muslimaayyuu waan humna isaa gitu kan hojjatee ittiin Rabbiin bulu argata.
  4. Imaam Annawawiin akkas jedha: kana keessa wantoonni halaala ta'an niyyaa dhugaatiin yoo dagalame ibaadaa akka ta'u ragaatu jira, wol qunnamtiin saalaa haqa haadha manaa isaa baasuu fi toltuu Rabbiin itti ajajeen isii waliin jiraachuuf yoo ta'e, yookaan ilma gaarii barbaaduuf yoo ta'e, yookaan lubbuu ofii tiksuuf yoo ta'e, yookaan haadha manaa isaa tiksuu fi isaan hunduu haraama ilaaluu irraa wol dhoorguuf yoo ta'e, yookaan isa yaaduu irraa wol dhoorguuf yoo ta'e, yookaan isaaf yaadda'uu irraa wol dhoorguuf yoo ta'e, yookaan bu'aa biroo kan gaarii ta'eef yooo ta'e ibaadaa ta'a.
  5. nama dhaggeeffatuuf irra ifa galaa fi lubbuu isaa keessatti irra fudhatamaa akka ta'uuf fakkeenya fayyadamuu fi qiyaasa gochuutu keessa jira.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa roomaniyaffaa majriffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani