+ -

عَنْ أَبي مَسْعُودٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِنَّ مِمَّا أَدْرَكَ النَّاسُ مِنْ كَلاَمِ النُّبُوَّةِ الأُولَى: إِذَا لَمْ تَسْتَحْيِ فَاصْنَعْ مَا شِئْتَ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 6120]
المزيــد ...

Abuu Mas'uud irraa akka odeeffametti Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Jechoota namoonni Nabiyyummaa isa jalqabaa irraa dhaqqaban keessaa tokko: Yoo qaanfachuu baatte wanta barbaadde raawwadhu».

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 6120]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan dhaamsi Nabiyyoota darban irraa keessatti dhufee, namoonni of giddutti waliif dabarsaa turan, Hanga jalqaba ummata kanaa gahutti dhaloota eega dhalootatii walirraa dhaalaa turan keessaa: Waan gochuu barbaaddu ilaali, waan irraa hin qaanfatamne yoo ta'e isa hojjadhu, waan irraa qaanfatamu irraa yoo ta'e immoo ofirraa isa dhiisi; Hojii badaa dalaguu irraa kan nama dhoorgu qaanii qabaachu waan ta'eef jecha, Namni qaanii hin qabne, safuu fi dalagaa xuraa’ummaa fi badii hundumaatti of kenna.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qaanii qabaachuun ka'umsa haala gaariiti.
  2. Qaanii qabaachuun amaloota Nabiyyootaa -nagaan irra haa jiraatu- keessaa isa tokkoodha, kun waan isaan irraa dhufeedha.
  3. Qaanii jechuun isa nama muslimaa tokko waan bareedaa fi miidhagaa akka hojjetu, waan xureessuu fi fokkisisu akka dhiisu isa godhuudha.
  4. Nawawiin akkana jedhe: Ajajni Hadiisicha keessatti dhufe ni hayyamama jechuufi, jechuunis: Yoo waan tokko hojjechuu barbaadde, waan Rabbii fi namoota duratti hojjechuu hin qaanofne yoo ta'e isa hojjedhu, akkas ta'uu baannan ofirraa dhiisi jechuudha, kun immoo adeemsa Islaamaati, Sababni kanaas wanti itti ajajamu kan dirqamaa fi waan dalagamuuf gorfamu dhiisuu irraa ni qaanfatama, waan irraa dhoorgame haraama fi jibbamaa hojjachuu isaa irraa qaanfatama, waan eeyyamamaa ta’e immoo raawwachuus ta'ee dhiisuun isaa ni eeyyamama, kanaaf Hadiisni kun murtiiwwan shanan hammateera. Akkasiis jedhame: ajaja bifa sodaachisaan dhufeedha, jechuunis: Yoo safuun si irraa mulqame waan barbaadde raawwadhu, Rabbiin garuu irratti si herraga, akkasis jedhame: Ajaja bifa oduutin dabarfame, jechuunis: namni hin qaanofne waan fedhe hojjeta jechuu dha.