+ -

عن عمر بن الخطاب رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«إِنَّمَا الْأَعْمَالُ بِالنِّيَّةِ، وَإِنَّمَا لِامْرِئٍ مَا نَوَى، فَمَنْ كَانَتْ هِجْرَتُهُ إِلَى اللهِ وَرَسُولِهِ، فَهِجْرَتُهُ إِلَى اللهِ وَرَسُولِهِ، وَمَنْ كَانَتْ هِجْرَتُهُ لِدُنْيَا يُصِيبُهَا أَوِ امْرَأَةٍ يَتَزَوَّجُهَا، فَهِجْرَتُهُ إِلَى مَا هَاجَرَ إِلَيْهِ». وفي لفظ للبخاري: «إِنَّمَا الْأَعْمَالُ بِالنِّيَّاتِ، وَإِنَّمَا لِكُلِّ امْرِئٍ مَا نَوَى».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 1907]
المزيــد ...

Umar ilama Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, namichi kan argatu woma niyyate qofa, namni godaaansi isaa gama Rabbiitii fi Ergamaa Isaatti ta'e, godaansi isaa gamuma Rabbiitii fi Ergamaa Isaati, namni godaansi isaa duuniyaa argachuuf yookaan dubartii fuuchuuf ta'e, godaansi isaas gamuma waan itti godaaneeti ta'a". Jecha Bukhaarii tokko keessatti: "hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofatu isaaf jira".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 1907]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin hunduu madaalli isaa niyyaadhaan akka ta'e ibsani, murtoon kun gabbartiis ta'ee walitti dhufeenya nama waliin taasifnuu fi hojii hunda keessatti murtoo walii galaati, namni hojii isaatiin bu'aa wohii fedhe bu'attii sana malee hin argatu, mindaanis isaaaf hin jiru, namni hojii isaatiin Rabbitti dhihaachuu fedhe hojii isaa irraa mindaa fi gatii argata osoma hojii Aadeeffatamaa, akka nyaataa fi dhugaatii ta'eellee.
Eegasii haala alatti muldhatuun walfakkaachuu waliin dhiibbaa niyyaan hojii irratti qabu ibsuuf jecha fakkeenya fudhatani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni godaansa isaatii fi biyya isaa gadhiisuudhaan jaalala Rabbii isaa fedhe, godaansi isaa godaansa shari'aa qeebalamtuudhaa sababaa niyyaan isaa dhugoomteef mindaa irratti ni argataa fi namni immoo godaansa isaatiin qabeenya irraa, yookaan kabajaa irraa, yookaan daldala irraa, yookaan haadha manaaa irraa haa ta'u bu'aa duuniyaa fedhe godaansa isaa sana irraa bu'attii isii niyyatee sana malee homaa hin argatu, gatii fi mindaa irra qooda homaatuu hin qabuudha ibsan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Iklaasatti kakaasuudha, Rabbiin hojii irraa waan fuulli Isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu waan ta'eef jecha.
  2. Namni dirqamni isa irra ka'ame hojiiwwan gama Rabbiitti ittiin dhihaatan akka Aadaatti yoo hojjate isii irratti mindaan isaaf hin jiru, hanga isiidhaan Rabbitti dhihaachuu fedhutti.