+ -

عَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا أَنَّهُ سَمِعَ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، يَقُولُ عَامَ الفَتْحِ وَهُوَ بِمَكَّةَ:
«إِنَّ اللَّهَ وَرَسُولَهُ حَرَّمَ بَيْعَ الخَمْرِ، وَالمَيْتَةِ وَالخِنْزِيرِ وَالأَصْنَامِ»، فَقِيلَ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، أَرَأَيْتَ شُحُومَ المَيْتَةِ، فَإِنَّهَا يُطْلَى بِهَا السُّفُنُ، وَيُدْهَنُ بِهَا الجُلُودُ، وَيَسْتَصْبِحُ بِهَا النَّاسُ؟ فَقَالَ: «لاَ، هُوَ حَرَامٌ»، ثُمَّ قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عِنْدَ ذَلِكَ: «قَاتَلَ اللَّهُ اليَهُودَ إِنَّ اللَّهَ لَمَّا حَرَّمَ شُحُومَهَا جَمَلُوهُ، ثُمَّ بَاعُوهُ، فَأَكَلُوا ثَمَنَهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2236]
المزيــد ...

Jaabir ibnu Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bara fathii keessa makkaatti isaanii akkas jedhuun dhaga'e:
«Rabbii fi Ergamaan isaa farsoo, du'aa, karkarroo fi taabota gurguruu haraama taasisanii jiru», yaa ergamaa Rabbii, moora du'aa yoo ta'e hoo, Dooniitu isaan dibamee haguugama, gogaatu isaan dibama, namoonnis isaan ifaa ibsatu? jedhameen, isaanis ni jedhani: «Lakki, inni haraama», eegasii ergamaan Rbbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeruma sanatti akkas jedhani: «Rabbiin yahuudota irratti lola haa labsu, yeroo Rabbiin moora du'aa haraama isaan irratti taasise, isaan immoo isa baqsanii eegasii isa gurguranii maallaqa isaa nyaatani».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2236]

Ibsaa

Jaabir ibnu Abdullaah -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bara fathii keessa makkaatti akkas jedhuu dhaga'e: Rabbii fi ergamaan isaa farsoo, du'aa, karkarroo fi taabota gurguruu haraama taasisanii jiru, eegasii yaa ergamaa Rabbii, moora du'aa gurguruun hoo nuuf eeyyamamaa? jedhameen, jalbaatu isaan dibamuun haguugama, gogaatu isaan dibama, namootatu isaan ifaa qabsiifata waan ta'eef, ergamaanis, lakki, gurgurtaan isaas haraama jedhani, eegasii ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeruma sana akkas jedhani: Rabbiin yahuudaa haa dhabamsiisu isaan haa abaaru; yeroo Rabbiin moora horii haraama isaan irratti taasisetti, isa baqsanii, eegasii qibaatii isaa gurguruun isa nyaatani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Aalimni islaamaa Nawawiin akkas jedhe: du'aa, farsoo fi karkarroon: tokkoon tokkoon isaaniiyyuu gurguruun haraama akka ta'e muslimoonni irratti wolii galaniiru.
  2. akkasuma Aalimni islaama Alqaadiin akkas jedhe: hadiisni kun wanti nyaachuu fi isatti fayyadamuun isaa haraama ta'e gurgurtaan isaas akka hin eeyyamamne of keessatti qabata, akkasuma maallaqa isaas nyaachuun hin eeyyamamu, akka moora hadiisa keessatti dubbatameetti.
  3. Aalimni islaamaa Ibnu hajar akkas jedhe: akkaataan galiinsa isaa waan irra hedduun itti hiikan, jechi isaanii "inni haraama" jedhu kan itti fedhame: gurgurtaadha malee itti fayyadama biraa miti jedhanitti akka jabaan itti akeeka.
  4. malli waan haraama ta'e halaala isaan taasifachuuf itti dhimma ba'amu hundi kufaadha.
  5. Aalimni islaama Nawawiin akkas jedhe: ulaamooni ni jedhani: kaafira ajjeefnee yoo kuffaarri reeffa isaa nurraa bitachuu barbaadani, yookaan bakka bu'aa isaa kaffaluu yoo barbaadani wolii gala gurgurtaa du'aa haraama godhamee keessa waan galuuf haraama ta'a, hadiisa keessatti taateen armaan gadii dhufee jira: gaafa khandaq nama nawfal ibnu Abdullaah jedhamu muslimoonni isa ajjeefnaan, reeffa isaa fudhachuuf jecha kaafiroonni dirhama kuma kudhan nabiyyiidhaaf kenniinaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fudhachuu didanii, tolumatti reefficha isaaniif kennani.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
dabaltii