عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَا مِنْ يَوْمٍ يُصْبِحُ العِبَادُ فِيهِ إِلَّا مَلَكَانِ يَنْزِلاَنِ، فَيَقُولُ أَحَدُهُمَا: اللَّهُمَّ أَعْطِ مُنْفِقًا خَلَفًا، وَيَقُولُ الآخَرُ: اللَّهُمَّ أَعْطِ مُمْسِكًا تَلَفًا».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1442]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1442]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa aduun isa keessatti baatu hunda keessatti malaa'ikoonni lama gad bu’anii akka lallaban himan, tokkoon isaanii akkana jedha:
Yaa Rabbi nama karaa Rabbii keessatti, maatii ofii irratti keessummoota irrattii fi karaa tola ooltummaa keessatti nama waa kennatuuf bakka bu’aa kenni, waan baaseef waan gaariin beenyaa isaaf kenni, barakaas isaaf godhi.
Inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi nama karaa Rabbii keessatti hin kennineef badii kenni, qabeenya isaa kan namoota haqa isa godhatan irraa isa dhoorges jalaa balleessi.