عن أنس رضي الله عنه قال: قال النبي صلى الله عليه وسلم:
«لَا يُؤْمِنُ أَحَدُكُمْ حَتَّى أَكُونَ أَحَبَّ إِلَيْهِ مِنْ وَالِدِهِ وَوَلَدِهِ وَالنَّاسِ أَجْمَعِينَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 15]
المزيــد ...

Anas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Tokkoon keessan hin amanu hanga ani abbaa isaa, ilma isaa fi namoota hunda irra isa biratti irra jaallatamaa ta'utti».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 15]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni tokko hanga jaalala haadha isaa, abbaa isaa, ilma isaa, intala isaa fi namoota hunda irra jaalala ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dursutti iimaanni isaa guutuu akka hin taane nuuf himani, jaalalli kun isaaniin buluu, isaaniif tumsuu fi badii dhiisuu murteessiti.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jaallachuu fi jaalala uumama hundaa irra isa dursuun dirqama ta'uu isaa.
  2. mallattoo jaalalli isaaniif qabanu guutuu ta'uu isaa irraa: sunnaa ergamaa Rabbiitiif tumsuu fi sana irratti lubbuu fi qabeenya aarssa gochuudha.
  3. jaalalli ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan isaan ajajan keessatti isaaniin buluu, waan isaan himan keessatti isaan dhugeessuu, waan isaan irraa dhoorgan irraa fagaachuu fi waan haarawa dhiisanii isaan hordofuu murteessa.
  4. haqni nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haqa namoota hundaa irra jabaa fi murteessadha; jallina irraa qajeelinattti dhufuu keenyaa fi ibidda irraa najaa baanee jannata seenuuf sababaa waan ta'aniif jecha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (62)