عن ابن عمر رضي الله عنهما:
أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ نَهَى عَنِ الْقَزَعِ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5921]
المزيــد ...

Ibnu Umar irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lameen irraa haa jaallatu-:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- rifeensa mataa garii haadanii garii dhiisuu irraa dhoorgani.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5921]

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- rifeensa mataa garii haadanii garii dhiisuu irraa dhoorgani.
Dhoorgaan dhiirota xixiqqaa fi gurguuddaas walitti qabata, dubartiin immoo rifeensa mataa isii tasuma haaduu hin qabdu.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Shari'aan qaama ilma namaatiif xiyyeeffannoo kennuu isaa.
Hiikkaawwan dhiheessuu
Afaan: الإنجليزية الأوردية الإسبانية Dabalata (63)