+ -

عَن أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لَا يَنْظُرُ الرَّجُلُ إِلَى عَوْرَةِ الرَّجُلِ، وَلَا الْمَرْأَةُ إِلَى عَوْرَةِ الْمَرْأَةِ، وَلَا يُفْضِي الرَّجُلُ إِلَى الرَّجُلِ فِي ثَوْبٍ وَاحِدٍ، وَلَا تُفْضِي الْمَرْأَةُ إِلَى الْمَرْأَةِ فِي الثَّوْبِ الْوَاحِدِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 338]
المزيــد ...

Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan:
“Dhiirri qaama saalaa dhiiraa hin ilaalu, dubartiinis qaama saalaa dubartii hin ilaaltu, uffata tokkicha dhiirri lama hin uffatu, dubartiinis uffata tokkicha dubartii biraa waliin hin uffattu".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 338]

Ibsaa

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, dhiirri qaama saalaa dhiira biraa akka hin ilaalle, ykn dubartiin qaama saalaa dubartii biraa akka hin ilaalle dhorgani.
Qaama saalaa jechuun: Inni hunduma waan yeroo mul'ate irraa qaanfatan yoo ta'u, qaamni saalaa dhiiraa waan handhuura fi jilba isaa gidduu jiruudha. Qaamni dubartii hundi dhiirota isheef ajnabii/alagaa ta'an biratti qaama saalaa yoo ta'u, dubartootaa fi mahramoota/namoota fira dhihoo isheef ta'an ilaalchisuun ammoo yeroo baay’ee mana keessatti yeroo hojjettu waan Aadatti ishee irraa mul’atu isaan biratti mul'isuu ni dandeessi.
Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, dhiirri tokko dhiira biraa waliin uffata tokko keessatti ykn haguuggii tokko jalatti bifa isaan lamaanuu qullaa ta'anitti akka kophaa hin baane, akkasumas dubartiin takka dubartii biraa waliin uffata tokko keessatti ykn haguuggii tokko jalatti bifa isaan lamaanuu qullaa ta'anitti akka kophaa hin baane dhoorgani, Sababni isaas sun tokkoon isaanii qaama saalaa hiriyaa isaa akka tuqu taasisa waan ta'eef jecha, qaama saalaa walii tuquun ammoo akkuma ilaaluun dhoorgaa ta'etti dhoorgaadha, inumaayyuu dhoorgaa ta'uu keessatti tuquutu ilaaluu irra jabaata, maalif jennaan sun waan badiiwwan adda addatti nama geessuuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Abbaa manaa fi haadha manaa yoo ta'e malee qaama saalaa walii irraa dhoorgaa ta'uudha.
  2. Islaamummaan qulqullina hawaasaa fi daandii gara badii geessu cufuu irratti futuna/bolola akka qabuudha.
  3. Yoo barbaachisummaan isaa mul'ate kan akka yaala fayyaatif ykn kan kana fakkaataniif qaama saalaa ilaaluun ni danda’amaadha, garuu fedhiin maletti ta'uudha qaba.
  4. Muslimni qaama saalaa isaa haguugee ija isaa qaama saalaa namoota biroo irraa gadi qabachuun dirqama akka ta'eedha.
  5. Dhiirri dhiira biraa waliin, dubartiin dubartii biraa waliin bifa dubbatamee dabreen ta'uun dhoorgaa ta'uun isaa wanni addatti dubbatameef; waan sun baay'innaan qaama saalaa walii ilaaluu fi mul'isuutti nama waamuf jecha.