1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

Hadiisa Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«صِنْفَانِ مِنْ أَهْلِ النَّارِ لَمْ أَرَهُمَا، قَوْمٌ مَعَهُمْ سِيَاطٌ كَأَذْنَابِ الْبَقَرِ يَضْرِبُونَ بِهَا النَّاسَ، وَنِسَاءٌ كَاسِيَاتٌ عَارِيَاتٌ مُمِيلَاتٌ مَائِلَاتٌ، رُؤُوسُهُنَّ كَأَسْنِمَةِ الْبُخْتِ الْمَائِلَةِ، لَا يَدْخُلْنَ الْجَنَّةَ، وَلَا يَجِدْنَ رِيحَهَا، وَإِنَّ رِيحَهَا لَيُوجَدُ مِنْ مَسِيرَةِ كَذَا وَكَذَا».

Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaalatu ni jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jedhani:
"Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha, rifeensi mata isaanii akka dalluu gaalaa kan dabeeti, jannata hin seenan, urgaa isiis hin argan, urgaan isii deemsa fageenya karaa akkasii fi akkasii irraa kan argamu ta'uu waliin".

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2128

Ibsa

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatuu, namoota irraa gosa lama kan warra Jahannam irraa ta'an kan zamana isaanii keessatti hin jirre, garuu isaan boodaa kan argamuu taa’an irraa akeekkachiisa kennan:
Gosti tokkoffaa: ummata alangee dheeraa akka eegee horii qabu, kan ittiin nama reeban, isaanis Poolisii fi ergamtoota cunqursoo haqa malee nama reebanii dha.
Gosti lammaffaa: dubartoota uffata ittiin of eeganii fi uffata safuu Aadatti dubartiin uumamatti qabdu ofirraa baasaniidha.
Akkas jechuun isaan ibsani: gubbaan uffataniiru, keessoon ammoo qullaadha; Sababni isaas uffata haphii qaama ibsu uffatu, akkasumas qaama isaanii garii haguuganii garii muldhisu; Bareedina agarsiisuuf jecha, Isaan uffata isaanitii fi deemsa keessatti of tuuluu isaanitiin qalbii dhirotaa jallisoodha, akkasumas ceekuu isaanii jallisaa deemu, Namoota kaanis gara jallinaati fi badii ofii isaanitti isa keessatti harkisu. Halowwan isaanii keessaa: mataan isaanii akka dalluu gaalaa jallataa yoo ta'u, isaan rifeensa mataa isaanii carqii fi waan ishee fakkaatu itti maruudhaan guddisu. Dalluu gaalaatti fakkeessuun, rifeensi isaanii fi shurrabbaan isaanii mataa isaanitii olitti ol-fuudhamaa waan ta'eef jecha, akkasumas akkuma dalluun gaalaa gama tokkotti dabutti hanga isheen moggaalee mataa irraa gara tokkotti dabdutti waan isaan hidhaniif caccabuu isheetif jecha. Egaa namni haalowwan kanneen qabu Jannata seenuu dhabuun, hafuura jannataa argu dhabuu fi osoo hafuurri jannataa fagoo irraa argamuu ittumaayyuu dhihaachuu dhabuun doorsisni cimaan kun isarrattillee ni dhugooma.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Cubbuu fi badii isaan hojjatan tokko malee nama rukutuu fi miidhuun haraama ta'uudha.
  2. Cunqursitoota cunqursaa isaanii keessatti gargaaruun haraama ta'uudha.
  3. Dubartoonni akka of hin mul’isne, bareedina isaanis namoota alagaaf akka hin agarsiifne, akkasumas uffata dhiphaa ykn keessa isaanii mul’isu, kan qaama dhuunfaa isaanii agarsiisu akka hin uffanne akeekkachiisuudha.
  4. Dubartiin Musliimaa ajaja Rabbii qabattee, waan Isa Aarsu kan Aakhiraatti adabbii laalessaa itti fufaa ta'eef ishee saaxilu irraa fagaachurratti ishee kakaasuudha.
  5. Hadiisni ragoolee Nabiyyummaa isaanii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- agarsiisan keessaa isa tokko, maalif jennaan waa’ee wantoota fagoo amma dura hin argaminii himanii akkuma isaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- himanitti argaman.

Hiikkaawwan dhiheessuu

57 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية