عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الخُدْرِيِّ رضي الله عنه أَنَّهُ سَمِعَ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: «إِذَا رَأَى أَحَدُكُمُ الرُّؤْيَا يُحِبُّهَا فَإِنَّهَا مِنَ اللَّهِ، فَلْيَحْمَدِ اللَّهَ عَلَيْهَا وَلْيُحَدِّثْ بِهَا، وَإِذَا رَأَى غَيْرَ ذَلِكَ مِمَّا يَكْرَهُ، فَإِنَّمَا هِيَ مِنَ الشَّيْطَانِ، فَلْيَسْتَعِذْ مِنْ شَرِّهَا، وَلاَ يَذْكُرْهَا لِأَحَدٍ، فَإِنَّهَا لَنْ تَضُرَّهُ» .
[صحيح ] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 7045]
المزيــد ...
...
Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa akka odeeffametti, Rabbi irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Tokkoon keessan manaama jaallatu yeroo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yeroo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharrii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu» .
[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 7045]
Ibsaa
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- manaamni gaarii fi gammachiisaa ta'e Rabbi biraa akka ta’e himanii, namichi sana irratti Rabbiin galateeffatee, akka namatti isa himu qajeelfama kennan, Waan jibbuu fi gaddisiisu yeroo arge ammoo, inni sheyxaana biraa waan ta'eef, sharrii isaa irraa Rabbitti maganfatee, namatti akka hin himne qqajeelfama kennan, inni isa hin miidhu, Rabbiin wanta dubbatame kana miidhaa abjuu sanaan dhufu irraa nagaa bahuuf sababa waan godheef jecha.
bu.aa hadiisa irraa
Qooddaalee abjuu: 1- Abjuu gaariidha, innis abjuu dhugaa fi gammachuu Rabbi irraa tahe kan inni ishee argu ykn kan namni biroo isaaf argu. 2. Haasaa lubbuuti, isheen waan namichi osoo dammaqee jiruu ofiin ofitti haasa'uudha. 3. Gaddaa fi sodaachisuu sheyxaanaa fi cinqii isaati ilma Aadam gaddisiisuuf jecha.
Waa'ee abjuu gaarii ilaalchisee wanti dubbatame walitti qabaan waan sadii: Rabbiin galateeffachuu, itti gammaduu fi waa'ee isaa namatti himuudha, galuu warra isa jaallatuuf malee warra jibbuuf miti.
Walitti qabaan waan abjuu jibbamaa keessatti dubbtamee waan shan of keessatti hammata: Hammeenya isaa fi sheyxaanaa irraa Rabbiitti maganfachuu, Yeroo hirriba irraa ka’u, yeroo sadii gama bitaa isaa irratti tufuu fi nama tokkotti waa'ee isaa dubachuu dhabuudha, hirriiba isaatti deebi'uu yoo barbaade cinaacha dura irra jiru irraa ni jijjiirata, akkas godhe taanan abjuun sun isa hin miidhu.
Ibnu Hajar akkana jedhe: Ogummaan kana keessa jiru, namichi abjuu gaarii nama hin jaalannetti yoo hime, jibbaa ykn inaaffaa irraa kan ka’een haala inni hin jaalanneen isaaf hiikuu danda’a. Akka sanatti argamu danda'a ykn gaddaa fi dhiphinni itti dhagaʼamuu dandaʼa, sababaa sanaatiif nama hin jaalannetti akka hin himne ajajani.
Yeroo qananiin argamee tolli namaaf haaromfametti Rabbiin galateeffachuun barbaachisaa akka ta'eedha, suni qananichi itti fufiinsa qabaachuuf sababaadha.
Hiikaa:
Ingiliffaa
Orduu
ispeeniffaa
Indoneziyaffaa
igooriffaa
bangaaliffaa
Faransaayiffaa
turkiffaa
hiikaa raashiyaa
boosniyaffaa
hiikaa sanhaaliffaa
afaan Hindii
chaayiniffaa
faarisiffaa
vetenaamiffaa
tagaaloogiffaa
kurdiffaa
hoosaa
portuugaaliffaa
malayalaamiffaa
tilgoo
sawaahiilii
taaylaandiffaa
bishtuu
asaamiiffaa
suweydiffaa
Amaariffaa
holaandiyaa
goojaaraatiffaa
neebaaliffaa
yoorbaffaa
Hiikaa alleytowaaniya
daryaffaa
sarbiyaffaa
roomaniyaffaa
majriffaa
الموري
maalaagaashiyaffaa
kanadiffaa
الولوف
okraaniffaa
الجورجية
المقدونية
الخميرية
الماراثية
Garsisuu hiikowani
...