Galmee Hadisotaa

Tokkoon keessan manaama jaallatu yeroo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yeroo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharrii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu
عربي Ingiliffaa Orduu