عَنْ أَبِي قَتَادَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«الرُّؤْيَا الصَّالِحَةُ مِنَ اللَّهِ، وَالحُلُمُ مِنَ الشَّيْطَانِ، فَإِذَا حَلَمَ أَحَدُكُمْ حُلُمًا يَخَافُهُ فَلْيَبْصُقْ عَنْ يَسَارِهِ، وَلْيَتَعَوَّذْ بِاللَّهِ مِنْ شَرِّهَا، فَإِنَّهَا لاَ تَضُرُّهُ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3292]
المزيــد ...
Abuu Qataadaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3292]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- abjuun gaariin nama gammachiisu Rabbiin irraa akka ta'ee fi abjuun badaan nama naasisu sheyxaana irraa akka ta'e himan.
Namni waan isa jibbisiisu arge gara bitaa isaatti haa tufee, hamtuu isaa irraa Rabbitti haa maganfatu; akkas godhe taanan inni isa hin miidhu, Rabbiin wanta armaan olitti ibsame kana miidhaa abjuu sanaan dhufu irraa nagaa bahuuf sababaa waan taasiseef jecha.