عَنْ صُهَيْبٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«عَجَبًا لِأَمْرِ الْمُؤْمِنِ، إِنَّ أَمْرَهُ كُلَّهُ خَيْرٌ، وَلَيْسَ ذَاكَ لِأَحَدٍ إِلَّا لِلْمُؤْمِنِ، إِنْ أَصَابَتْهُ سَرَّاءُ شَكَرَ، فَكَانَ خَيْرًا لَهُ، وَإِنْ أَصَابَتْهُ ضَرَّاءُ صَبَرَ، فَكَانَ خَيْرًا لَهُ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2999]
المزيــد ...
Suheyibi irraa odeeffame Rabbiin irraa jaallatu, akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Dhimmi mu’uminaa akkam nama ajaa’iba, dhimmi isaa hundi gaarii dha. Sunis nama Mu'uminaa qofaaf malee nama kamiifuu miti, Wanti gaariin yoo isa mudate ni galateeffata, sun immoo isaaf gaarii ta'a, wanti hamaan yoo isa mudate immoo ni obsa, sunis isaaf gaarii ta'a».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2999]
Rasuulli -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhimma Mu'uminaa fi haala isaa karaa tolina ibsuun ajaa’ibsiifatan; Kunis haalli isaa hundi gaarii waan ta’eef jecha, sun mu’umina malee nama kamiifuu akka hin taane dubbatan. Wanti gaariin yoo isa mudate Rabbiin galateeffata; galateeffachuu sanaan mindaa argata. Balaan yoo isa mudate obsee Rabbiin biratti mindaa herregata, sababaa obsaatin mindaan isaaf argama, kanaaf inni haaluma hunda keessatti mindeeffamaadha.