1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

Hadiisa Namni dubara lama hanga umrii dargaggummaa ga’anitti guddise, anaa fi inni guyyaa qiyaamaa ni dhufna» jedhanii qubbeen isaanii walitti qaban

عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَنْ عَالَ جَارِيَتَيْنِ حَتَّى تَبْلُغَا جَاءَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ أَنَا وَهُوَ» وَضَمَّ أَصَابِعَهُ.

ِAnas bin Maalik irraa akka odeeffametti- Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Namni dubara lama hanga umrii dargaggummaa ga’anitti guddise, anaa fi inni guyyaa qiyaamaa ni dhufna» jedhanii qubbeen isaanii walitti qaban.

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2631

Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni ijoollee dubaraa lama ykn obboleettii lama kennamee, hanga guddatanii baallaghanitti deeggersaan, tarbiyaan, kheyrii keessatti qajeelfama isaanif kennuun, hamtuu fi waan sana fakkaatu irraa isaan baqachiisuun isaan tajaajile; guyyaa Qiyaamaa innii fi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-akka quba lamaanii kanatti dhufan, quba agarsiiftuu fi quba gidduu walitti qabanii akkas jedhani.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Nama ijoollee dubaraa hanga isaan heerumanitti ykn baallaghanitti isaan deeggaruun tarbiyaa isaanif godhuun isaan tajaajileef mindaa guddaan akka jiruudha, akkasumas obboleewwan dubaraa.
  2. Mindaan ijoollee durbaa kunuunsuu mindaa ijoollee dhiiraa kunuunsuu caalaa guddaadha; Wanti akkasii isaan (ijoollee dhiiraa) irratti waan hin kaafamneef jecha; kunis deeggarsi shamarranii fi xiyyeeffannaan dhimma isaaniif kennamu kan ijoollee dhiiraa caalaa waan ta’eef, akkasumas ijoolleen dubaraa akka qaama saalaatti waan ilaalamanif dhimma isaanii itti aananii akka ijoollee dhiiratti oofachuu waan hin dandeenyeef jecha, akkasumas fedhii abbaan diinota isaa irratti ol aantummaa argachuuf yaaluun isaan waan wal hin qabanneef echa, maqaa isaa jiraachisuu fi hidda dhaloota isaa itti fufsiisuu fi kan kana fakkaataniif akka dhiirota irraa kajeellaa qabanitti isaan irraa waan kajeellaa hin qabneef jecha; kanaaf sun nama baasii isaanif baasu irratti obsaa fi ikhlaasa barbaada, niyyaa gaarii waliin, sababaa kanaatiin mindaan isaa guddaa ta'ee, guyyaa qiyaamaa saahiba Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ta'e.
  3. Mallattooleen baallaghuu dubartii: Waggaa kudha shan guutuudha, ykn dhiiga laguu arguudha osoo waggaa kudha shan durattillee ta'ee, ykn naannoo qaama saalaatti rifeensa biqiluudha, ykn hirriba keessatti abjuu arguudha, kunis hirriba keessatti bishaan sanyii fedhiin buusuu dha.
  4. Al-Qurxuubiin akkana jedhe: baallaghuu isaanitta kan fedhamu haala ofuma isaaniitiin walaba ta’anii jiraachuu irra ga’uudha. Kun dubartoota keessatti kan ta'u hanga abbaan manaa isaanii wal qunnamtii saalaa isaanitti raawwatutti waan ta'eef, hanga dhiiga laguu argitutee itti gaafatamummaa baattutti jechuu miti; Sana duratti heerumtee nama ishee deeggaru irraa of ga'u dandeessi waan ta'eef jecha, akkasumas osoo waa'ee isheetin of hin danda'in laguu arguu dandessi, haala kanaan yoo kan dhiifamtu ta'ee ni baddi haalli ishees ni bada, inumaayyuu haala kana keessatti, kunuunsaa fi eegumsa caalaatti ishee barbaachisa, akka haala gaariin bakka geessee carraa heerumaa argattuuf jecha, kanaaf eegaa ulamaa'onni akkana jechani: intala durbaa takka irratti baasii baasuun abbaa ishee irraa kan kufu isheen baallaghuun osoo hin taane heerumuu isheetiini.

Hiikkaawwan dhiheessuu

51 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية