عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المؤْمِنينَ رَضِيَ اللهُ عَنْهَا:
كَانَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَجْتَهِدُ فِي الْعَشْرِ الْأَوَاخِرِ مَا لَا يَجْتَهِدُ فِي غَيْرِهِ.

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1175]
المزيــد ...

Aa'ishaa Haadha Mu'mintootaa irraa akka odeeffametti, Rabbiin irraa haa jaallatu:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan yeroo biraa hin tattaafanne ji'a Ramadaanaa irraa kurnan boodaa keessatti kan tattaaffii godhan turan.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1175]

Ibsaa

Guyyoonni kurnan dhumaa Ramadaanaa yeroo dhufanitti, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ibaadaa fi kheyrii adda addaa hojjachuu keessatti ni jajjabaatu ture, akkasumas gosoota kheyrii fi gosoota ibaadaa keessatti waan yeroo biraa jajjabaatan caalaa garmalee dabalanii, hojjataa turan; guddinaa fi sadarkaa halkanoowwan sun qabanii fi Leylatal qadr barbaaduuf jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Walumaa galatti Ji’a Ramadaanaa keessattii fi keessattuu guyyoota kurnan dhumaa keessatti ibaadaa fi kheyrii adda addaa heddummeessuu irratti kakaasuudha.
  2. Ji'a Ramadaanaa irraa guyyoonni kurnan dhumaa halkan digdamii tokkoffaa irraa eegalanii hanga dhuma baatiti.
  3. Yeroolee caaloo ta'an kheyrii isaan keessatti hojjachuun saamachuun jaallatamaa akka ta'eedha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (48)