+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«مَنْ يَقُمْ لَيْلَةَ الْقَدْرِ إِيمَانًا وَاحْتِسَابًا غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ»

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 35]
المزيــد ...

Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Haala Rabbitti amanee fi mindaa isa irratti herregateen namni halkan laylatulqadrii dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 35]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- laylatulqadrii Ramadaana irraa kudhanan boodaa keessatti taatu sadarkaa isii salaataan dhaabbachuun qabu hin himan, akkasumas dhugumatti isii fi isii keessatti waan dhufetti haala amanaa ta'een, hojii isaatiin mindaa Rabbii ol ta'ee haala kajeelaa ta'een, na argaa fi na dhaga'aan maletti, salaatuun, kadhannaan, Qur'aana qara'uu fi zikriin namni isii keessatti tattaafate badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifamaadha himan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa laylatul qadriin qabduu fi isii salaataan dhaabbachuutti kakaasuudha.
  2. Hojiiwwan gaggariin niyyaa gaariin woliin malee hin qeebalamtu.
  3. Tola Rabbii fi rahmata Isaati, dhugumatti namni halkan laylatul qadrii haala Rabbitti amanee fi isa irratti herregateen dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama.