+ -

عَنْ ‌أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ:
قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ لِعَمِّهِ: «قُلْ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، أَشْهَدُ لَكَ بِهَا يَوْمَ الْقِيَامَةِ»، قَالَ: لَوْلَا أَنْ تُعَيِّرَنِي قُرَيْشٌ، يَقُولُونَ: إِنَّمَا حَمَلَهُ عَلَى ذَلِكَ الْجَزَعُ لَأَقْرَرْتُ بِهَا عَيْنَكَ. فَأَنْزَلَ اللهُ: {إِنَّكَ لا تَهْدِي مَنْ أَحْبَبْتَ وَلَكِنَّ اللهَ يَهْدِي مَنْ يَشَاءُ } [القصص: 56].

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 25]
المزيــد ...

abuu hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abbeeraa isaaniitiin ni jedhani: «laa ilaaha illallaah jedhi, guyyaa qiyaamaatti isiidhanin ragaa siif ba'aatii», innis ni jedhe: obsa dhabuutu amantaa isa jijjiirsise jettee osoo qurayshiin ittiin na arrabsuu baattee, silaa ittiin ija kee dasin godhan ture. eegasii Rabbiin akkana jechuu buuse: {ati nama feete hin qajeelchitu garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha} [al-qasas:56].

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 25]

Ibsaa

nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abbeeraa isaanii abii xaalib yeroo inni machii du'aa keessa jirutti laa ilaaha illallaah akka jedhu isa irraa barbaadani, guyyaa qiyaamaa isiidhaan magantaa akka isaaf dhaabbatanii fi islaamummaan akka ragaa isaaf ba'aniif jecha, garuu inni qurayshiin isa arrabsuu sodaaf jecha shahaadaa jechuu dide. sodaa du'aatii fi dadhabbiif jecha islaamummaa fudhate isaan jedhuuf! eegasii inni nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: osoo sana sodaan hin jirree silaa shahaadaa jedheen gammachuu qalbii kee seensisan ture. akkasumas hanga ati jaallatutti yaada kees siifanin guuta ture! eegasii Rabbiin ol ta'e aayaa isii nabiyiin -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- islaamummaatti qajeeluma waffaquu of harkaa hin qabanu jechuu akeektu buuse. Rabbuma qofatu nama fedhe waffaqa. nabiyyiin immoo -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akeekuu, ibsuu, qajeelfama kennuu fi gara karaa sirriitti waamuu qofaan ummata qajeelchu dandaa'u.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. haqni haasawa namootaa sodaaf jecha hin dhiifamu.
  2. Nabiyyiin -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qajeelcha akeekaa fi qajeelfama kennuu qofa of harkaa qaban malee qajeelluma waffaquu of harkaa hin qabu.
  3. gara islaamummaatti isa waamuuf jecha kaafira dhukkubsatu ziyaaruun eeyyamamaa ta'uu isaa.
  4. haala kamuu keessatti bolola nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gama Rabbiitti waamuuf qabanu.