+ -

عَنْ عَائِشَةَ رضي الله عنها قَالَتْ:
قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ، ابْنُ جُدْعَانَ كَانَ فِي الْجَاهِلِيَّةِ يَصِلُ الرَّحِمَ، وَيُطْعِمُ الْمِسْكِينَ، فَهَلْ ذَاكَ نَافِعُهُ؟ قَالَ: «لَا يَنْفَعُهُ، إِنَّهُ لَمْ يَقُلْ يَوْمًا: رَبِّ اغْفِرْ لِي خَطِيئَتِي يَوْمَ الدِّينِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 214]
المزيــد ...

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette:
Yaa Ergamaa Rabbiin jedhe: Ibnu juda'aan jaahiliyyummaa keessatti kan firooma fufuu (maxxanfatuu) fi rakkataa nyaachisu ta'e, wanti sun isa ni fayyadaa?, isaanis ni jedhan: "isa hin fayyadu, inni guyyuma tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jenne".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 214]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Abdullaah ibnu jud'aan kan islaamummaan duratti dureewwan qurayshii irraa ture irraa dubbatan, Hojiiwwan isaa gaggaarii keessaa: firoottan isaa fufuun tolas isaanitti oola, rakkataas ni nyaachisa, wontoota gaggaarii islaamummaan isii hojjachuutti kakaase biroos ni hojjata ture, garuu hojiiwwan isaa kun Aakhiraatti isa hin fayyaddu; sunis sababaa inni Rabbitti kafaree fi guyyaa tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jedhiniif jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa iimaanni qabuu fi inni hojiiwwan qeebalamuuf ulaagaa akka ta'e ibsuutu keessa jira.
  2. Ajummaa kufrii fi inni wantoota hojiiwwan gaggaarii balleessan keessaa tokko akka ta'e ibsuutu keessa jira.
  3. Aakhiraatti kaafiroota hojiiwwan isaanii isaan hin fayyaddu sababaa isaan Rabbii fi guyyaa Aakhiraatti hin amaniniif jecha.
  4. Hojiiwwan namoonni yeroo kufrii irra jiran hojjatan yeroo islaamummaa fudhatanitti isaaniif barreeffamtee isii irrattis mindaa argatu.