+ -

عَنِ النُّعْمَانِ بْنِ بَشِيرٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَثَلُ الْمُؤْمِنِينَ فِي تَوَادِّهِمْ وَتَرَاحُمِهِمْ وَتَعَاطُفِهِمْ مَثَلُ الْجَسَدِ، إِذَا اشْتَكَى مِنْهُ عُضْوٌ تَدَاعَى لَهُ سَائِرُ الْجَسَدِ بِالسَّهَرِ وَالْحُمَّى».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 2586]
المزيــد ...

Nu'umaan bin Bashiir irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan:
"Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humna tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 2586]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- kheyrii waliif jaallachuu, wal gargaaruu ,waliif tumsuu fi rakkina isaan irra gayuuf rakkachuu irraa ta'ee haalli Muslimoonni waliif qaban akka qaama tokkoo ta'uun dirqama ta'uu akka qabu ibsan, yeroo humna tokko irraa dhukkubsatee qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydamuudhaan isa waliin dhukkubsata.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Haqa muslimootaa kabajuun akka barbaachisuudha, akkasumas wal gargaaruu fi gariin isaanii gariif garaa laafuu irratti isaan kakaasuudha.
  2. Warra iimaanaa giddutti wal jaallachuu fi waliif tumsuun jiraachuudha qaba.