1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. yaaminsaafii gorsa

Hadiisa Dhaga'aa ajajamaa, wanti isaan baachifaman isaan irra jira, wanti isin baachifamtanis isin irra jira

عَنْ وَائِلٍ الْحَضْرَمِيِّ قَالَ: سَأَلَ سَلَمَةُ بْنُ يَزِيدَ الْجُعْفِيُّ رضي الله عنه رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ:
يَا نَبِيَّ اللهِ، أَرَأَيْتَ إِنْ قَامَتْ عَلَيْنَا أُمَرَاءُ يَسْأَلُونَا حَقَّهُمْ وَيَمْنَعُونَا حَقَّنَا، فَمَا تَأْمُرُنَا؟ فَأَعْرَضَ عَنْهُ، ثُمَّ سَأَلَهُ، فَأَعْرَضَ عَنْهُ، ثُمَّ سَأَلَهُ فِي الثَّانِيَةِ أَوْ فِي الثَّالِثَةِ، فَجَذَبَهُ الْأَشْعَثُ بْنُ قَيْسٍ، وَقَالَ: «اسْمَعُوا وَأَطِيعُوا، فَإِنَّمَا عَلَيْهِمْ مَا حُمِّلُوا، وَعَلَيْكُمْ مَا حُمِّلْتُمْ».

Waa'il Al-Hadrami irraa odeeffamee akkana jedhe: Salamaan bin Yaziid Al-Ju'ufi -Rabbiin irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate:
Yaa Nabiyyii Rabbii, bulchitoonni haqa isaanii nu gaafatan, haqa keenya immoo kan nu dhoorgatan yoo nurratti taayitaa argatan mee maalitti nu ajajja? irraa garagalan, eegasii deebi'ee isaan gaafatee jennaan, ammas irraa garagalan, eegasii yeroo lammaffaa ykn sadaffaatif isaan gaafatee jennaan, Al-Ash'as bin Qeysii isa harkise, isaanis akkana jedhan: «Dhaga'aa ajajamaa, wanti isaan baachifaman isaan irra jira, wanti isin baachifamtanis isin irra jira».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 1846

Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatu- waa’ee bulchitoota haqa isaanii kan isaanif dhaga'uu fi ajajamuu irraa ta'e namoota irraa barbaadan, haqa namootaa kan isaan irra jiru kan akka haqaan bulchuu, boojuu isaanif kennuu, komii sirreessuu fi walqixxummaan namoota ilaaluu immoo kan hin raawwanne ilaalchiisee maal godhuu qabnaa irraa gaafataman?
Dhimma kana akka waan jibbanitti Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa garagalan, garuu gaafataan yeroo lammaffaa fi sadaffaa irra deddeebi'ee gaafate. Al-Ash'as bin Qeysii -Rabbiin irraa haa jaallatu- namicha gaafataa jiru san callisiisuf jecha isa harkise.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jechuun deebisaniif: Waan isaan jedhan dhaga'aa, ajaja isaanis tole jedhaa; wanni baachifamanii itti ramadaman kan akka haqaan bulchuu fi haqa hawaasaa kennuu isaan irra jira, isinis wanni baachifamtan kan akka ajajamuu, haqoota geessuu fi rakkina irratti obsuu isin irra jira.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Waan Rabbii ol ta'e jaalachiisu keessatti Ajaja bulchitootaa haala hundumaa keessatti dhagayuu fi ajajamuun fudhachuun dirqama ta'uudha, mirga ummataa yoo hin guutin illee,
  2. Hir'inni bulchitootaa dirqama isaanii irratti mul'atu ummanni dirqama isaanii akka hin baane deebisee hin taasisu, Namni kamiyyuu hojii isaatiif itti gaafatamummaa mataa isaa qaba, hanqina isaas itti gaafatama.
  3. Akkuma hadiisa kana keessatti ibsametti, Amantiin jijjiirraa irratti osoo hin taane, inni kaan deebisee waan dirqama ta’e hojjechuu dhabullee ofii dirqama bahuu irratti kan hundaa’edha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

51 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية