+ -

عَنْ عَبْدِ اللهِ بنِ مَسْعُودٍ رضي الله عنه قال:
قَالَ النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم كَلِمَةً وَقُلْتُ أُخْرَى، قَالَ النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم: «مَنْ مَاتَ وَهُوَ يَدْعُو مِنْ دُونِ اللهِ نِدًّا دَخَلَ النَّارَ» وَقُلْتُ أَنَا: مَنْ مَاتَ وَهُوَ لَا يَدْعُو لِلهِ نِدًّا دَخَلَ الْجَنَّةَ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 4497]
المزيــد ...

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu akkana jedhe:
Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha tokko jedhan, anis kan biraatiin jedhe, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ":Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiryaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seena". Anis nin jedhee: Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee isa hin kadhatin jannata seena.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 4497]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni waan Rabbiif ta’uu qabu waan biraatiif godhe, sun akka waan biraa Rabbiin alatti kadhachuu, yookaan Rabbiin alatti waan biraa irraa dirmachuu barbaaduuti, ergasii sana irratti kan du’e, inni warra Ibidda irraa ta'a. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- itti dabaluudhaan, namni waa tokko osoo Rabbitti hin dabalin du’e, hireen isaa Jannata ta’a jedhe.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Kadhannaan/du'aa'in ibaadaa waan ta'eef Rabbiif qofa malee kan biraatif akka hin laatamneedha.
  2. Sadarkaa tawhiidni qabuu fi dhugamatti namni isa irratti du'e garii badiiwwan isaa irrattillee osoo adabamee jannata seenuun isaa hin hafuudha.
  3. Balaa guddaa Rabbitti qindeessuun qabuu fi dhugumatti namni isa shirkirratti du'e ibidda galaadha.