+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ:
قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «إِنَّ اللَّهَ قَالَ: مَنْ عَادَى لِي وَلِيًّا فَقَدْ آذَنْتُهُ بِالحَرْبِ، وَمَا تَقَرَّبَ إِلَيَّ عَبْدِي بِشَيْءٍ أَحَبَّ إِلَيَّ مِمَّا افْتَرَضْتُ عَلَيْهِ، وَمَا يَزَالُ عَبْدِي يَتَقَرَّبُ إِلَيَّ بِالنَّوَافِلِ حَتَّى أُحِبَّهُ، فَإِذَا أَحْبَبْتُهُ: كُنْتُ سَمْعَهُ الَّذِي يَسْمَعُ بِهِ، وَبَصَرَهُ الَّذِي يُبْصِرُ بِهِ، وَيَدَهُ الَّتِي يَبْطِشُ بِهَا، وَرِجْلَهُ الَّتِي يَمْشِي بِهَا، وَإِنْ سَأَلَنِي لَأُعْطِيَنَّهُ، وَلَئِنِ اسْتَعَاذَنِي لَأُعِيذَنَّهُ، وَمَا تَرَدَّدْتُ عَنْ شَيْءٍ أَنَا فَاعِلُهُ تَرَدُّدِي عَنْ نَفْسِ المُؤْمِنِ، يَكْرَهُ المَوْتَ وَأَنَا أَكْرَهُ مَسَاءَتَهُ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 6502]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu ni jedhe:
Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: Rabbiin ol tahe ni jedhe: Nama jaalallee kootin diinummaa qabu, ani dhugumatti lola isa beeksiseera, Garbichi koo wanta ani isa irratti dirqama godhe hojjachuu caalaa waa tokkoon Natti hin dhihaanne, Gabrichi koo hangan isa jaalladhutti sunnaa raawwachuudhaan Natti dhihaachuu irraa hin deemu, yoon isa jaaladhe, ani dhageettii isaa kan inni ittiin dhaga'u, ija isaa kan inni ittiin argu, harka isaa kan ittiin qabatu, miila isaa kan ittiin deemu isaaf ta'a, yoo na kadhate isaaf kenna, yoo inni natti maganfate isa nan tiksa, Lubbuu nama mu'uminaa fuufhuu irraa akka duubatti deebi'etti waanan hojjedhu tokko irraa duubatti deebi'ee hin beeku, i nni du'a jibba, ani immoo isa hammeessuu jibba".

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 6502]

Ibsaa

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, Hadiisa al-qudsii kana keessatti Rabbiin ol ta'e akkana jechuudha himan: Namni jaalallee koo tokko miidhe, isa aarse, ykn isa jibbe, ani dhugumatti diinummaa isa beeksiseera.
Waliyyii/jaalallee jechuun: nama mu'umina Rabbiin sodaatu ​​yoo ta’u, akka bal’ina iimaanaa fi sodaa Rabbiitin qooda waliyyummaa/ jaalallee Rabbii ta'uu argata. Muslimni waan kheyrii hojjatee waan haraama ta'e dhiisuu irraa wanta Inni dirqama isarratti godhe hojjachuu caalaa wanta Isa biratti jaallatamaa ta’e tokkoon gara Rabbii isatti hin dhihaanne, Muslimni hanga jaalala Rabbii argatutti waajiboota waliin sunnaalee hojjachuun gara Rabbii isatti dhihaachuu irraa hin deemu. Rabbiin yoo isa jaallate, humnoolee afran kanaan keessatti isa qajeelcha:
Dhageettii isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf waan Rabbiin jaallachiisu qofa dhaga’a.
Ija isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf waan Rabbi jaallatuu fi itti gammadu qofa ilaala.
Harka isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf waan Rabbiin jaallachiisu malee waan biraa harka isaatin hin dalagu.
Miila isaa keessatti isa qajeelcha, kanaaf gara waan Rabbiin jaallachiisutti qofa deema, waan gaarii qofa barbaada.
Kanuma waliin yoo Rabbiin waan tokko kadhate Rabbiin waan inni kadhate isaaf kenna, kanaaf nama du'aa'iin isaaf owwaatamu ta'a. Yoo Rabbitti maganfatee eegumsa Isaa barbaadaa haala ta'een gara Isatti hirkate immoo Rabbiin ol tahe waan sodaatu ​​irraa isa eega.
Eegasii Rabbiin ol tahe akkana jedhe: Ani isaaf rahmata godhuuf jecha hangan lubbuu mu'uminaa fuudhuu keessatti duubatti jedhu waanan hojjedhu kamirraayuu duubatti hin jenne; sababni isaas inni waan isa keessa laalan jiruuf jecha du'a sodaata, Rabbiin immoo waan mu'umina dhiphisu ni jibba.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisni kuni waan Nabiyyiin,nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu Rabbii isaanii irraa odeessan keessaa tokko yoo ta’u, inni hadiisa qudsiyyii ykn ilaahii jedhama, jechoonni fi hiikni isaas Rabbii biraa ta’us, amaloota Qur’aanaa hin qabu. kan akka ibaadaaf jecha isa qara’uu, isaaf qulqulleeffachuu, qormaataa, isaan dadhabsiisuu fi kkf.
  2. Awliyaa/jaalalleewwan Rabbii azaa gochuu irraa dhoorguudha, akkasumas isaan jaallachuu irratti kakaasuu fi sadarkaa isaanii isaanif beekun barbaachisaa akka ta'eedha.
  3. Diinota Rabbii diina godhachuutti ajajuu fi isaanin jaalallee ta'uu haraama taasisuudha.
  4. Namni shari'aa Isaa osoo hin hordofin jaalalee Rabbii ta'uu(waliyyummaa) himatu inni himannaa isaa keessatti sobaadha.
  5. Jaalalti Rabbii(waliyyummaan) kan argamtu dirqamoota raawwatanii wantoota haraama ta'an dhiisuudhaan.
  6. Jaalalli Rabbii akka gabrichaaf argamuu fi du'aa'iin isaaf akka qeebalamu wantoota sababaa ta'an keessaa inni tokko eega dirqamoota raawwatanii wantoota haraama ta'an dhiisanii sunnaalee raawwachuudha.
  7. Kabaja awliyoota Rabbii fi sadarkaa ol’aanaa isaanii kan agarsiisuudha.