+ -

عن طارق بن أشيم الأشجعي رضي الله عنه قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«مَنْ قَالَ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَكَفَرَ بِمَا يُعْبَدُ مِنْ دُونِ اللهِ حَرُمَ مَالُهُ وَدَمُهُ، وَحِسَابُهُ عَلَى اللهِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 23]
المزيــد ...

Xaariq ibnu Ashyam Al-Ashja'ii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
«Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 23]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni arraba isaatiin "Laa Ilaaha Illallaah" jedhe, jechuunis: haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru jechuudha, namni akkas jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafaree, amantii islaamaa malee amantaa hunda irraa qulqullaa'e, muslimoota irratti qabeenyi isaa fi dhiigni isaa dhugumatti haraama ta'eera, hojii isaa mul'ataa malee kan keessaa dirqama keenyaa miti, qabeenyi isaa hin saamamu dhiigni isaas hin dhangalaafamu, yakka yoo hojjate malee yookaan badii murtoo islaamaatiin sana dirqamsiisu yoo hojjate malee.
guyyaa qiyaamaatti herrega isaa Rabbiitu herrega, waan jedhu keessatti dhugaa dubbataa yoo ta'e isa mindeessa, munaafiqa yoo ta'e immoo isa adaba.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Laa ILaaha Illallaah arrabaan jechuunii fi hunda waan Rabbii gaditti gabbaramuutti kafaruun islaamummaatti seenuuf ulaagaadha.
  2. Hiikni (Laa Ilaaha Illallaah) hunda waan Rabbii gaditti gabbaramuu, taabota, qabrii fi kanneen biroo hundatti kafaruu fi gabbartiidhaan Rabbii qophaa baasanii tokkichoomsuudha.
  3. Namni tawhiida qabatee bakkeen immoo karaa isaa irratti gadi dhaabbate, hanga faallaan sanaa ifa galutti isa irraa dhaabbachuun dirqama ta'a.
  4. Haqaan yoo ta'e malee qabeenyi muslimaa, dhiigni isaa fi kabajaan isaa haraama ta'uu isaa.
  5. Duuniyaa keessatti murtoon waan mul'atu irratti, Aakhiraattii immoo niyyaa fi yaada irratti.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani