عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«يَقُولُ اللَّهُ تَعَالَى لِأَهْوَنِ أَهْلِ النَّارِ عَذَابًا يَوْمَ القِيَامَةِ: لَوْ أَنَّ لَكَ مَا فِي الأَرْضِ مِنْ شَيْءٍ أَكُنْتَ تَفْتَدِي بِهِ؟ فَيَقُولُ: نَعَمْ، فَيَقُولُ: أَرَدْتُ مِنْكَ أَهْوَنَ مِنْ هَذَا، وَأَنْتَ فِي صُلْبِ آدَمَ: أَلّاَ تُشْرِكَ بِي شَيْئًا، فَأَبَيْتَ إِلَّا أَنْ تُشْرِكَ بِي».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6557]
المزيــد ...
Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin ni jedha: osoo wonti dachii keessatti argamu hundi kan kee ta'ee isaan of ni bittaa? eeyyeen jedha, Rabbiinis ni jedhaan: yeroo ati dugda Aadam turtetti waan kana irra laafaan sirraa fedhee ture: innis homaa akka anatti hin qindeessine ture, ati garuu anatti qindeessuu malee ni didde».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6557]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin boodaa isaan seenanii akkas akka jedhu himani: osoo duuniyaanii fi wonti isii keessa jiru hundi kan kee ta'ee silaa isaan adabbii kana irraa of ni bittaa? innis eeyyeen jedha, Rabbiinis ni jedha: dugda Aadam keessa yeroo turtetti yeroo waadaan sirraa fuudhametti waan kana irra laafaa dhugumatti sirraa barbaadee itti si ajajeen ture; yeroon gara duuniyaatti si baase immoo shirkii malee ni didde.