+ -

عن أبي موسى الأشعري رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«مَنْ حَمَلَ عَلَيْنَا السِّلَاحَ فَلَيْسَ مِنَّا».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 7071]
المزيــد ...

Abuu Muusaa Al-Ash’arii irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
"Namni meeshaa waraanaa nurratti baase nu irraa miti".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 7071]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- muslimoota irratti meeshaa waraanaa baatanii sodaachisuun ykn saamuun dhoorgaa akka ta'e akeekachiisan, Namni haqaan maletti gocha akkasii raawwate yakka guddaa fi badii guddaa hojjatee, doorsisa cimaa kana haqa godhateera.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Muslimni obboleeyyan isaa Muslimaan loluu keessatti akeekkachiisa cimaa kennuudha.
  2. Wantoota Jibbisiisoo fi malaammaltummaa guddaa lafa kanarra jiru keessaa tokko, meeshaa waraanaa Muslimoota irratti baafachuu fi badii cimaa karaa ajjeechaatin dhufuudha.
  3. Doorsisni armaan olitti ibsame kun lola haqaa, kan akka namoota mirga namaa sarbanii, warra badii adda addaa raawwatanii fi kanneen birootin loluu hin ilaalu.
  4. Qoosaadhaan illee haa ta'uu, Muslimoota meeshaa waraanaatiin ykn waan biraatiin sodaachisuun dhorgaa ta'uudha.