+ -

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الخُدْرِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لاَ تَسُبُّوا أَصْحَابِي، فَلَوْ أَنَّ أَحَدَكُمْ أَنْفَقَ مِثْلَ أُحُدٍ ذَهَبًا مَا بَلَغَ مُدَّ أَحَدِهِمْ، وَلاَ نَصِيفَهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3673]
المزيــد ...

Abuu Sa'iid Al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Sahaabota koo hin arrabsinaa, tokkoon keessan soo worqii hanga gaara uhud ga'u saddaqateellee, muddii tokkoo isaanii hnga'u, wolakkaa isaatuu hin ga'u».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3673]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaabota arrabsuu irraa dhoorgani, keessattuu muhaajirootaa fi ansaarota irraa durabuutota jalqabaa; akkasuma namni tokko osoo worqii hanga gaara uhud ga'u saddaqatee, mindaan isaa hanga mindaa sahaabaan tokko nyaata muddii tokko yookaan wolakkaa isaa saddaqatuu akka hin geenye himani, -muddiin tokko guutuu ganaa lameen nama giddu galeessa ta'eeti-; mindaan sahaabaa kan adda ta'eef ikhlaasni isaanii irra dabalaa ta'uu, niyyaan isaanii dhugaa ta'uu fi yeroo haajaan jabaan jiru fathii makkaatiin duratti kennaa fi qabsoo keessatti dura bu'oo ta'uu isaaniitiifi.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sahaabota arrabsuun -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- haraama, akkasuma badii gurguddoo irraati.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani