عن عمران بن حصين رضي الله عنه قال: كَانَتْ بِي بَوَاسِيرُ، فَسَأَلْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَنِ الصَّلَاةِ، فَقَالَ:
«صَلِّ قَائِمًا، فَإِنْ لَمْ تَسْتَطِعْ فَقَاعِدًا، فَإِنْ لَمْ تَسْتَطِعْ فَعَلَى جَنْبٍ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 1117]
المزيــد ...

Imraan ibnu Husayn irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: kintaarootiin wohii waan natti tureef akkaataa salaataa irraa Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafadhe, isaanis akkana jedhani:
«Dhaabbadhuu salaati, yoo hin dandeenye taa'ii salaati, yoo hin dandeenye cinaacha kee irratti hirkadhuu salaati».

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 1117]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti bu'uurri dhaabbii akka ta'e ifa galchani, haala dandeettii dhabeen yoo ta'e malee yeroo sana taa'ee salaata, yoo taa'ee salaatuu hin dandeenye cinaacha isaa irratti hirkatee salaatuu danda'a.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hanga sammuun bakka jirutti salaanni nama irraa hin bu'u, haala tokko irraa haala tokkotti tarkaanfachuun akkaataa dandeettiitiin ta'a.
  2. Garbichi ibaadaa irraa waan danda'u hojjachuu keessa laafiinsaa fi salphina islaamummaatu jira.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (62)
dabaltii