1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru

عَنْ أَبِي أُمَامَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَنْ قَرَأَ آيَةَ الْكُرْسِيِّ فِي دُبُرِ كُلِّ صَلَاةٍ مَكْتُوبَةٍ لَمْ يَمْنَعْهُ مِنْ دُخُولِ الْجَنَّةِ إِلَّا أَنْ يَمُوتَ».

Abuu Umaamaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru».

sirrii رواه النسائي في الكبرى sunana kunraa nasaa'ii - 9848

Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni eega salaata waajibaa xumuree Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti jannata seenuu isa dhorgu akka hin jirre himaniiru, isheenis suuraa baqaraa keessatti kan argamtu yoo tahu, jecha Rabbii ol tahee kana: {Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha. Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabu. Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati. Inni hayyama Isaatiin malee Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka. Beekumsa Isaa irraa waan Inni fedhetti malee hin marsanu. Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateera. Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu, Inni ol ta’aa, guddaadha}. [Baqaraa: 255].

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Sadarkaa Aayanni guddoon tun qabduudha; Sababaa maqoolee babbareedoo fi amaloota ol’aanoo of keessatti qabatteef jecha.
  2. Salaata dirqamaa hunda boodatti Aayata guddoo tana qara’uun jaalatamaa tahuudha.
  3. Hojiin gaariin Jannata seenuuf sababaa akka taheedha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

56 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية