+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَنْ سَبَّحَ اللهَ فِي دُبُرِ كُلِّ صَلَاةٍ ثَلَاثًا وَثَلَاثِينَ، وَحَمِدَ اللهَ ثَلَاثًا وَثَلَاثِينَ، وَكَبَّرَ اللهَ ثَلَاثًا وَثَلَاثِينَ، فَتْلِكَ تِسْعَةٌ وَتِسْعُونَ، وَقَالَ: تَمَامَ الْمِائَةِ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ غُفِرَتْ خَطَايَاهُ وَإِنْ كَانَتْ مِثْلَ زَبَدِ الْبَحْرِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 597]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni duuba salaata hundatti Subhaanallaah yeroo soddomii sadii, Alhamdulillaah yeroo soddomii sadii, Allaahu Akbar yeroo soddomii sadii jedhe, kun sagaltamii sagal ta'a, dhibba guutuuf: Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku walahul hamdu wa huwa alaa kulli shey'in qadiir jedhe, diliin isaa osoo akka hoomocha galaana bahr ta’ellee dhiifama argateera».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 597]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni salaata dirqamaa booda akkas jedhe:
yeroo soddomii sadii: "Subhaanallaah" Innis Rabbiin hanqina irraa qulqulleessuudha.
yeroo soddomii sadi: "Alhamdulillah" Isa jaallachuu fi guddisuudhaan wajji amaloota isaa guutuu ta’aniin Isa faarsuudha.
yeroo soddomii sadi: "Allaahu Akbar" Innis Rabbiin waan hundumaa caalaa guddaa fi waan hundaa oli jechuudha.
Lakkoofsa dhibbaa guutuuf akkana jedha: " Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku walahul hamdu wa huwa alaa kulli shey'in qadiir" Heekkaan isaas: Haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyyaa hin qabne malee hin jiru, Isuma qofaatu mootummaa guutuu qaba, waan biroo osoo hin taane inni kan jaalalaa fi guddisuu wajjiin faaruu haqa godhatu yoo tahu, Isa wanni tokko kan Isa dadhabsiisu hin jiru jechuudha.
Namni akkas jedhe, diliin isaa baay’ee yoo ta’ellee irraa haqamteeti araarama argata.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Salaata dirqamaa booda zikrii kana gochuun jaalatamaa tahuudha.
  2. Zikrii kana jechuun sababaa diliin namaa araaramuu akka taheedha.
  3. Tolli Rabbii ol taheeti fi rahmannii fi araarmni isaa guddaa akka taheedha.
  4. Zikriin kun diliin namaaf araaramuuf sababaa yoo ta'u, itti fedhamaan: diliiwwan xixiqqaa nama irraa buusuudha, diliiwwan gurguddaan ammoo towbaa malee wanti isii haqu hin jiru.