+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
«دَعُونِي مَا تَرَكْتُكُمْ، إِنَّمَا هَلَكَ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ بِسُؤَالِهِمْ وَاخْتِلَافِهِمْ عَلَى أَنْبِيَائِهِمْ، فَإِذَا نَهَيْتُكُمْ عَنْ شَيْءٍ فَاجْتَنِبُوهُ، وَإِذَا أَمَرْتُكُمْ بِأَمْرٍ فَأْتُوا مِنْهُ مَا اسْتَطَعْتُمْ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 7288]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Hanga ani isin dhiisetti na dhiisaa, warra isin dura darban wanti balleesse, gaaffii isaanii fi Anbiyoota isaanii irratti wal dhabuu isaaniti, Kanaaf yeroon ani waan tokko irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, yeroon ani waan tokkotti isin ajaje waan irraa dandeessan hojjedhaa».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 7288]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- murtiin shari'aa bakka sadiitti akka qoodamu ibsan: waan irraa callifame, wantoota irraa dhoorgaan godhamee fi waan itti ajajame.
Kan jalqabaa immoo: waan Shari’aan irraa callise: murtiin itti hin dhufne, Bu'urri wantoota keessatti dirqamni jiraachuu dhabuudha; Yeroo Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jiran keessatti wanta hin argamin irraa gaafachuu dhiisuun dirqama ta'a; sababni isaas dirqamni ykn dhoorgaan itti bu'uu sodaaf jecha, Rabbiin gabroota isaatif rahmata godhuuf waan dhiisef jecha. Du'a isaanii booda ammoo -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaaffiin bifa fatwaatiin ykn dhimma amantii ilaalchisee waan isa barbaachisu bifa barnootatiin yoo ta'e inni eeyyamamaadha dabrees itti ajajamaadha. Yoo bifa mata jabinaafi dhiibbaatiin ta’e, inni isa hadiisa kana keessatti irraa gaafachuu dhiisutti ajajni godhameedha; sababni isaas fakkaataa waan ummata banii Israa’el mudatetti geessuun isaa waan maluuf jecha, Yeroo sa'aa (Horii) akka qalan ajajaman osoo horii kamiyyuu qalanii ajajni irraa bu'a ture, garuu isaan ofirratti jabeessinaan irratti jabeeffame.
Lammaffaan: Dhoorgaalee; isheenis: waan namni dalaguu dhiise mindaa itti argatu, kan namni dalage ammoo itti adabamuudha, kanaafuu hunda ishee irraa fagaachuun dirqama ta'a.
Sadaffaan: Ajajoota; Innis waan namni isa hojjate itti mindeeffamu, kan dhiise immoo itt adabamu dha, kanaafuu hamma danda’ametti ajajoota raawwachuun dirqama ta'a.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Waan baay’ee barbaachisaa ta’etti xiyyeeffachuun, ammaaf waan haajaan ittu hin jirre dhiisuu fi waan hin argamin tokko irraa gaafachuu dhiisuun barbaachisaa dha.
  2. Gaaffii gara walxaxiinsa dhimmootatti geessuu danda'uu fi balbala hakkii walii galtee dhabuu hedduutti nama geessu banuun dhoorgaa ta'uudha.
  3. Waan dhoorgame hunda dhiisutti ajajuudha; sababni isaas isa dhiisuu keessatti rakkinni waan hin jirreef jecha, kanaaf akka walii galatti irraa dhoorguun godhame.
  4. Hamma danda’ametti waan itti ajajame raawwachuutti ajajuudha; Sababni isaas itti ulfaachuu danda’a ykn irraa dadhabuutu mala; Kanaaf hamma danda'ameen itti hojjechuutti ajajame.
  5. Gaaffii baay'isuun dhoorgaa tahuudha, Ulamaa'in dhugumatti gaaffilee bakka lamatti qoodaniiru: Tokkoffaan: Dhimma amantii ilaalchisee waan barbaachisaa ta'e bifa barnootaatiin gaafachuu yoo ta'u, kuni itti ajajamaadha, gaafileen sahaabotaa gosa kana irraayi. Inni lammaffaa: gaafilee bifa mataa jabinaafi itti of dirqanii gaafataniidha, kuni isa irraa dhoorgameedha.
  6. Ummata kana akka ummata isaan dura darbanitti argametti Nabiyyii isaanii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akka hin faallessine akeekkachiisuudha.
  7. Waa’ee waan hin barbaachifnee baay’ee gaafachuu fi anbiyoota irratti walii galuu dhabuun sababa badiinsaati, keessumattuu dhimmoota itti gayuun hin mijjanne kan akka: dhimma wanta hin mul’annee kan Rabbiin qofti beekuu fi haalawwan Guyyaa Qiyaamaa.
  8. Dhimmoota rakkisoo ta’an irraa gaafachuu dhoorguudha, Awzaa'in akkas jedha: Rabbiin garbicha isaa barakaa beekumsaa dhoorguu yoo barbaade dogongora arraba isaa irratti darbata, Beekumsaan irra xiqqaa namootaa ta'un dhugumatti isaan arge. Ibnu Wahb ammoo akkas jedha: Imaamu Maalikii akkas jedhuun dhagahe: Beekumsa keessatti falmuun ifa beekumsaatin qalbii namichaa irraa deema.