+ -

عَنْ حَكِيمِ بْنِ حِزَامٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ:
قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، أَرَأَيْتَ أَشْيَاءَ كُنْتُ أَتَحَنَّثُ بِهَا فِي الجَاهِلِيَّةِ مِنْ صَدَقَةٍ أَوْ عَتَاقَةٍ، وَصِلَةِ رَحِمٍ، فَهَلْ فِيهَا مِنْ أَجْرٍ؟ فَقَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «أَسْلَمْتَ عَلَى مَا سَلَفَ مِنْ خَيْرٍ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1436]
المزيــد ...

Hakiim ilma Hizaam irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Nin jedhe:Yaa ergamaa Rabbii, jaahiliyyaa keessatti sadaqaa yookaan gabra bilisa baasuu fi firooma fufuu irraa wantoota an ittiin gabbara raawwadhuutu ture, isii keessatti mindaan naaf jiraa? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "toltuu darbee waliin islaamummaa fudhatte".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1436]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kaafirri yeroo islaamummaatti seene dhugumatti inni sadaqaa yookaan garbicha bilisa baasuu yookaan firooma fufuu irraa hojiiwwan gaggaarii waan islaamummaan duratti jaahiliyyummaa keessatti hojjataa ture irratti akka mindeeffamu ibsani.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Toltuuwwan kaafiraa kan adduuniyaa keessatti hojjate yoo kufrii isaa irrattti du'e aakhiraatti isiin hin mindeeffamu.