+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لاَ عَدْوَى وَلاَ طِيَرَةَ، وَلاَ هَامَةَ وَلاَ صَفَرَ، وَفِرَّ مِنَ المَجْذُومِ كَمَا تَفِرُّ مِنَ الأَسَدِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5707]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Dhukkubni tokko (ofii isaatii) dabruun hin jiru, faana ilaallachuun hin jiru, ji’a safaraatti faana ilaallachuunis hin jiru, sagalee Hurunguutin(simbirrootin) faana ilaallachuun hin jiru, Akkuma leenca irraa baqattutti nama dhukkuba qumaaxaa qabu irraa baqadhu».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5707]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhimmoota bara Islaamummaa duraa jiran tokko tokko irraa akeekkachiisuuf jecha ibsaniiru, akkasumas dhimmichi harka Rabbii qofa akka jiruu fi ajajaa fi murtii isaatiin malee wanti tokkolleen akka hin taane ibsuuf jecha, isaanis:
Tokkoffaan: Ummanni bara Islaamummaa duraa dhibeen kun ofumaan daddarbaa ta’uu amanu ture, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhibeen tokko uumamaan nama dhukkubsate irraa gara namoota birootti akka daddarbu amanuu dhoorgan. Rabbiin qofaatu uumama kana keessatti waan barbaade hojjeta, Isumaatu dhibee buusee deebisaasi, sunis fedhii fi murtoo isaatin malee hin argamu.
Lammaffaan: Ummanni bara Islaamummaa duraa yeroo imalaaf ykn daldalaaf ba’uu barbaadan simbirroo kan oofan ta'an, yoo gara mirgaatti balali’e ni gammadu, yoo inni gara bitaatti balali'e ammoo abdii kutatanii duubatti deebi'u, kanaaf Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- simbirroon faana laallachuu kana irraa dhorganii, inni yaada sobaa akka ta’e ibsan.
Sadaffaan: Ummanni bara Islaamummaa duraa akkana jedhaa turan: Hurunguun mana tokkorra yoo buute balaan warra mana sanii ni mudata; kanaaf Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- saniin faana ilaallachuu irraa dhoogan.
Afraffaan: Ji’a safariin faana ilaallachuu irraa dhoorgan, innis akka lakkoofsa Hijratti ji'a lammaffaati, Safar jechuun inni: bofa garaacha keessa jiru kan horii fi nama faaluudha Jedhame. Inni namatti dabruu keessatti dhukkuba cittoo irra jabaadha jedhanii yaadu, kanaaf Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan akkasiitti amanuu dhoorgan.
Shanaffaan: Nama dhukkuba juzaamatiin qabame irraa akkuma leenca irraa baqatanitti baqachutti ajajan, sunis lubbuu ofii eeguu, nageenya isheef barbaaduu fi sababoota Rabbiin itti ajaje raawwachuudha. Dhibeen Juzaamaa kun: Dhibee qaamni namaa isa irraa manca'uudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Barbaachisummaa Rabbitti hirkachuu sababa seera qabeessa ta’e hojjechuuti.
  2. Qadaa fi Qadara Rabbitti amanuun dirqama ta'uudha, akkasumas sababoonni harka Rabbii keessa akka jiranii fi akka dhiibbaa fidan ykn hin finne kan godhu isuma qofaadha.
  3. Halluu adda addaa kan gurraachaa fi diimaatin, ykn lakkoofsa tokko tokkoon, maqoota, namoota fi qaama miidhamtootaan faana ilaallachuu irraa waan namoonni tokko tokko hojjetan balleessuudha.
  4. Namoota dhukkuba juzaamatin qabamanii fi dhukkuba daddarboo qabanitti dhihaachuu irraa dhorguun sababoota Rabbiin raawwachutti ajaje raawwachuu irraayi; Sababoonni ofii isheetin dhiibbaa fiduu hin dandeessu, Rabbiitu yoo fidhe akka isheen dhiibbaa hin finneef dandeettii ishee irraa mulqa, yoo fedhe ammoo dandeettii hanbiseefii akka dhiibbaa fiddu ishee taasisa.