+ -

عَنْ سَهْلُ بْنُ سَعْدٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ يَوْمَ خَيْبَرَ:
«لَأُعْطِيَنَّ هَذِهِ الرَّايَةَ غَدًا رَجُلًا يَفْتَحُ اللَّهُ عَلَى يَدَيْهِ، يُحِبُّ اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَيُحِبُّهُ اللَّهُ وَرَسُولُهُ»، قَالَ: فَبَاتَ النَّاسُ يَدُوكُونَ لَيْلَتَهُمْ أَيُّهُمْ يُعْطَاهَا، فَلَمَّا أَصْبَحَ النَّاسُ غَدَوْا عَلَى رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كُلُّهُمْ يَرْجُو أَنْ يُعْطَاهَا، فَقَالَ: «أَيْنَ عَلِيُّ بْنُ أَبِي طَالِبٍ؟» فَقِيلَ: هُوَ يَا رَسُولَ اللَّهِ يَشْتَكِي عَيْنَيْهِ، قَالَ: «فَأَرْسِلُوا إِلَيْهِ»، فَأُتِيَ بِهِ فَبَصَقَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي عَيْنَيْهِ وَدَعَا لَهُ، فَبَرَأَ حَتَّى كَأَنْ لَمْ يَكُنْ بِهِ وَجَعٌ، فَأَعْطَاهُ الرَّايَةَ، فَقَالَ عَلِيٌّ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، أُقَاتِلُهُمْ حَتَّى يَكُونُوا مِثْلَنَا؟ فَقَالَ: «انْفُذْ عَلَى رِسْلِكَ حَتَّى تَنْزِلَ بِسَاحَتِهِمْ، ثُمَّ ادْعُهُمْ إِلَى الإِسْلاَمِ، وَأَخْبِرْهُمْ بِمَا يَجِبُ عَلَيْهِمْ مِنْ حَقِّ اللَّهِ فِيهِ، فَوَاللَّهِ لَأَنْ يَهْدِيَ اللَّهُ بِكَ رَجُلًا وَاحِدًا، خَيْرٌ لَكَ مِنْ أَنْ يَكُونَ لَكَ حُمْرُ النَّعَمِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 4210]
المزيــد ...

Sahl bin Sa'ad irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Guyyaa Kheybar akkana jedhan:
«Boru alaabaa kana nama Rabbiin harka isaa irratti injifannoo fidutti, kan inni Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallatu, Rabbii fi Ergamaanis kan isa jaallattanittin kenna». ni jedhe (Sahl): ummanni isaan keessaa isa kamitti kennama jedhanii yaaduudhaan halkan sana dabarsan, Yeroo bari'u ummanni gara Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hundi isaanii akka kennamuuf abdatanii deeman, ni jedhan (Rasuul sallallaahu aleyhi wasallam): «Aliyyi bin Abii Xaalib eessa jira?» ni jedhame: Inni yaa Ergamaa Rabbii ija isaa lamaan dhukkuba, ni jedhan: «Nama itti ergaa», isaan dhufamee, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ija isaa lamaan keessatti tufanii isaaf du'aa'ii godhanii, akka waan dhukkubbiin tokkolleen isa mudatee hin beekneetti fayye, ergasii alaabaa itti kenne, Aliyyis akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii hanga isaan nuun tokko ta'anitti isaanin nan lolaa? isaanis ni jedhan: «suuta jedhi, hanga eddoo isaanii keessa qubattutti, achiis gara Islaamummaatti isaan waami, Haqa Rabbii kan Islaamummaa keessatti isaan irratti dirqama ta'u itti himi, Rabbiin kakadhee gaala diimaa qabaachuu irra nama tokko Rabbiin sababaa keetin qajeelchuutu siif caala».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 4210]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- injifannoo Muslimoonni guyyaa itti aanutti yahuudota Kheybar irratti dhugoomsan, sunis kan harka nama tokkoo kan alaabaa isaaf kennan irratti ta'u Sahaabotatti himan, innis(alaabaan) alaabaa waraanni akka asxaa beeksisaatti itti fayyadamaniidha. Haala namicha kanaa keessaa inni Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuu fi Rabbii fi Ergamaanis Isa jaallachuudha. Kabaja guddaa kana hawwuudhaan, Sahaaboonni halkan sana eenyuuf alaaban sun kennama jedhanii mari'achaa haasa'aa bulan? Yeroo bari’u hundi isaanii kabaja kana ni arganna jedhanii abdachuun gara nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- deeman.
Isaanis, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, Aliyyi bin Abii Xaalib eessa jira jechuun gaafatan?
ni jedhame: Inni ija isaa lamaan dhukkubsata.
Ergamaanis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- itti erganii waamanii, Hancufa isaanii irraa ija isaa keessatti tufanii du'aa'ii godhaniifii, akka waan dhukkubbiin tokkolleen isa mudatee hin beekneetti fayye, ergasii alaabaa itti kennanii, hamma inni masaraa diinaatti dhiyaatutti suuta jedhee akka deemu isa ajajan, akkasumas gara Islaamummaatti isaan waamu, sana keessatti yoo isa tole jedhan dirqamoota irraa waan isaan dirqma ta'u isaanii himutti isa ajajan.
Sana booda sadarkaa gara Rabbiitti waamuun qabuu fi namni gara Rabbitti waamu qajeelluma nama tokkoof sababa kan tahu yoo tahe, gaala diimaa, kan qabeenya Arabootaa keessaa gatii guddaa qabu isa horachuu ykn sadaqaa kennuu irra isaaf caalaa akka tahe Aliyyiif ibsan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa Aliyyi -Rabbiin irraa haa jaallatu- qabuu fi Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Rabbii fi Ergamaan Isaa akka isa jaallatanii fi innis Rabbii fi Ergamaa Isaa kan jaallatu tahuun ragaa isaaf bahuudha.
  2. Sahaabonni waan gaarii hojjechuuf fedhii guddaa akka qabanii fi gara isatti akka wal dorgomaniidha.
  3. Yeroo qabsaa'an naamusa qabaachuu fi dallanuu fi sagalee nama rifachiisu kan dhimmi itti hin jirre dhiisuun karaa tahuudha.
  4. Ragaalee Nabiyyummaa isaa keessaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-, Yahuudoota irratti injifannoo akka galmeessanii fi ijji Aliyyii bin Abii Xaalib lamaan harka isaanii irratti hayyama Rabbiitin akka fayyitu himuu isaaniti.
  5. Kaayyoon guddaan jihaada irraa namoonni gara Islaamummaatti seenuudha.
  6. Gara Rabbii waamuun suuta suutaan taha, kanaaf jalqaba irratti nama kaafira tahe irraa wanni barbaadamu shahaadaa lamaan jechuun gara Islaamummaa seenuudha, Ergasii dirqamoota Islaamummaa raawwachutti ajajama.
  7. Sadarkaa gara Islaamummaatti waamuun qabuu fi kheyrii irraa nama waamamuu fi kan waamufis waan isa keessa jiru ibsuudha, namni waamamu qajeeluu mala, namni waamu immoo mindaa guddaa argachuu danda’a.