+ -

عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«الرَّضَاعَةُ تُحَرِّمُ مَا تُحَرِّمُ الوِلَادَةُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [الأربعون النووية: 44]
المزيــد ...

Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Waan dhaloonni haraama godhu hoosifnis haraama godha».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [الأربعون النووية - 44]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhalootaa fi firooma akka eessumaa yookaan abbeeraa yookaan oboleessaatiin wanti haraama ta'u, hoosisaanis akka haraama ta'u ibsani..., akkasumas murtoo irraa waan dhalootaan eeyyamamuutu, hoosisaanis eeyyamama.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisni kun Seera Hoosisaa keessatti foormulaadha.
  2. Aalimni Islaamaa Ibnu Hajar akkas jedhe: jechi isaanii: (waan dhaloonni haraama godhu hoosisnis haraama godha) jedhu, akkas jechuun, waan dhaloonni eeyyamamaa godhuus hoosifnis eeyyamamaa godha jechuudha, fuudhaa fi waan isatti rarra'u haraama taasisuu keessatti, ulamaa'iin irratti walii galaadha, akkasumas haraamummaan daa'ima hodhee fi ilmaan hoosiftuu gidduuttis faca'ee, ilaalcha, woliin kophaa ba'uu fi waliin imaluun eeyyamamuu keessatti akkuma firoota dhohootti ialaalama, garuu seeronni haadhummaa kan hafan, kan akka wol dhaaluu, baasiin dirqama ta'uu, kan hoosifte garbittii yoo taate aangoon isii bilisoomsuu, ragaa, gumaa qooddachuu fi gumaa kuffisuun hoosisaan wol qabatee hin dhufu.
  3. Murtoo hoosisaan haraama ta'uu, haraamummaan isaa kan bara baraa ta'uu isaa raggaasisuutu keessa jira.
  4. Hadiisonni biroos hoosisaan haraama ta'uun, hodhaa shan beekamaa ta'aniin akka ragga'uu fi hoosifni kunis woggoota lamaan jalqabaatti ta'uu akka qabu akeekanii jiru.
  5. Sababaa firummaatiin wol fuudhuuf haraama kanneen ta'an: haadholii, akkawoonnis karaa haadhaatiinis ta'u yookan karaa abbaatiin, yoo achi fagaatanillee akkuma haadholiiti, ilmaan dubraa: ilmaan dubraa intala ofiis akkuma inatalaati, ilmaan dubraa ilmaan ofii, ilmaan ilmaanii jedhaa achi fagaataa yoo deemellee, obboleettiiwwan: tiruu ta'anus, yookaan karaa tokkoon ta'anus, adaadowwan (obboleettiiwwan abbaa): hundi obbooleettiiwwan abbaa tiruu fi kan tiruu hin taanes adaadaadhuma irraa lakkaawaman, akkasumas obboleettiiwwan akaakolii keetii hunduu, yoo achi fagaatanillee, akkasumas obboleettiiwwan haadhaas: obboleettiiwwan haadhaa tiruu kan ta'anis kan tiruu hin taanes tokkuma, akkasumas obboleettiiwwan akkootaa, yoo achi fagaatanillee, akkoota karaa abbaa ta'anus kan karaa haadhaa ta'anus, ilmaan dubraa obboleessaa fi ilmaan dubraa obboleetti, ilmaan obboleettii yookaan obboleessaa jedhaa achi fagaataa yoo deemanillee kanuma keessa seena.
  6. Sababaa hoosisaatiin kanneen haraam ta'an: wantoota firummaan haraama ta'antu hoosisaanis haraama ta'u, dubartiin firummaan isii fuuchuun haraama taate hunda, hoosifnis akkasuma haraama taasisa, haadha obboleessa isaa(akkas jechuun haadha hoosisaa kan obboleessa kee dhiigaa, isa harma isii hin hooneef isii fuuchuun hin dhoorgamu) fi obboleetti ilma keetii kan karaa hoosisaa malee(intala ilma keetiif, karaa hoosisaatiin obboleettii taate jechuudh), isaan kana fuuchuun haraama hin ta'u.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية
Garsisuu hiikowani
dabaltii