+ -

عَنْ سَهْلِ بْنِ سَعْدٍ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لَا يَزَالُ النَّاسُ بِخَيْرٍ مَا عَجَّلُوا الْفِطْرَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 1098]
المزيــد ...

Sahl ibnu Sa'ad irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namoonni afxira hanga ariifachiisanitti toltuu irratti ta'uu irraa hin deemani».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 1098]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoonni aduun seenuu booda mirkaneeffatanii sooma furuutti hanga ariifatanitti toltuu irratti ta'uu irraa akka hin deemne himani; sunnaa hojii irra oolchuu fi daangaa isii irratti dhaabbachuuf jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. beekaan Islaamaa Nawawiin akkas jedhe: booda aduun dhihuu mirkaneeffatanii furuutti ariifachuutti kakaasuutu keessa jira, hiikni isaa dhimmi ummataa toora qabataa ta'uu irraa hin deemu haala isaan toltuu irra jiraatanii sunnaa tiksanitti, yoo kan isa booda aanasan ta'e sun mallattoo badii keessatti kufuu isaaniiti.
  2. Toltuun ummata keessatti hafee jiraachuun sababaa sunnaa hordofuu isaaniitiini, akkasuma wontoonni toora gadhiisuunis sunnaan jijjiiramuuni.
  3. Worra kitaabaa fi worra bida'aa faallessuutu keessa jira, isaan waan furuu booda aansanuuf jecha.
  4. Beekaan islaamaa Ibnu Hajar akkas jedhe: sababaa sanaa ibsuutu isa keessa jira, Muhallab ni jedhe: sana keessatti hikmaan halkan irraa guyyaatti akka hin dabalamneef, nama soomuu fi irra laafaa fi ibaadaa irrattis irra isa jebeessa waan ta'eef jecha, bakki isaa ilaalchaan yookaan namni amanamaan lama himuun akkasuma adeemsa irra injifataa ta'een namni amanamaan tokko himuunis aduun dhihuun yeroo mirkanaa'e akka ta'e ulamaa'iin irratti woliigalaniiru.
  5. Aalimni Islaamaa Ibnu Hajar akkas jedhe: yaadachiisa: bida'aa dhoorgamaa ta'e kan namoonni yeroo kana keessatti argamsiisan keessaa fajriin duratti sa'aatii tokko sadaffaan duratti azaana lammaffaa baasuu, akka worri argamsiisan jedhanitti ibaadaa eeggachuuf jecha namni sooma barbaade ifaawwan nyaataa fi dhugaatiin dhoorgamuuf mallattoo ta'an dhaamsuufaa, sana nama tokko tokko malee namni beeku hin jiru, suni eega aduun lixxee kaatee booda malee akka azaana hin baafne isaan taasise, sun akka isaan jedhanitti yeroo mijjeessuuf jecha, sababaa kanaan hiikkaa/furaa soomaa tursiisanii suhuura ariifachiisanii, sunnaa khaallafan, sanaaf jecha kheyrin isaan irraa xiqqaatee, sharriin isaan keessatti heddummaate, Rabbuma qofaan gargaarsifatama.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa roomaniyaffaa majriffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani